Tamsaasa Kallatti:

Itiyoophiyaa fi galaanni diimaa bara baraaf adda bahanii jiraachuu hin danda’an-Ministira muummee doktar Abiyyi Ahiimad

Amajjii 26 /2018 (ENA)- Itiyoophiyaa fi galaanni diimaa bara baraaf adda bahanii jiraachuu hin danda’an, galaanni diimaa dhimma jiraachuuti jechuun ibsan Ministirri muummee doktar Abiyyi Ahiimad.

Manni maree bakka bu’oota ummataa FDRI  6ffaan bara hojii wagga 5ffaa walgahii idilee 10ffaan bakka ministirri muummee doktar Abiyyi Ahimad argamanitti gaggeeffameera.

Ministirri muummee doktar Abiyyi Ahimad gabaasa raawwii hojii mootummaa federaalaa bara bajataa 2018 kan baatii 6 ilaalchisee miseensota mana mareerraa dhihaataniif deebii fi ibsa kennaniiru.

Gaanfi Afriikaa akka hin tarsaane kan walitti hodhame, ciminaan kan walitti hidhamedha  jechuun haala gi’oo siyaasaa riijinichaa ibsaniiru.

Hawaasni riijinichaa aaddaa, seenaa fi afaaniin kan walitti hidhame ta’uu eeranii, haa ta’u malee riijinichi wal morkii fi jiddu galummaadhaan kan marfamedha jedhaniiru.

Ulaan galaanaa Itiyoophiyaaf hin malu jedhee namni yaadu seera uumamaa irraa maquusaa dubbataniiru.

Galaanni diimaa fi Itiyoophiyaan bara baraaf gargar bahanii jiraachuu akka hin dandeenyes dubbataniiru.

Itiyoophiyaan dhimmi galaana diimaa karaa nagaa, walii galtee fi seera gabaatiin mariidhaan haa furru kan jedhu amantaa cimaa akka qabdu himaniiru.

Galaana diimaa dhorkuuf yoo yaalame adeemsichi sirrii miti kan jedhan ministirri muummee kennaa uumamaarraa Itiyoophiyaa hambisuun akka hin danda’amne dubbataniiru.

Itiyoophiyaan dhimmi kun karaa nagaa mariidhaan furamuu qaba ejjennoo jedhu akka qabdu dubbataniiru.

Dhimmi Itiyoophiyaan ulaa galaanaa argachuuf itti deemaa jirtu yoomiyyuu kan hindhaabannee fi kan hin jijjiiramne ta’uu hubachiisaniiru.

Qabeenya qabnu waloomaan fayyadamuudhaan waloomaan haa misoomnu jechuunis ergaa dabarsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015