Tamsaasa Kallatti:

Baatiiwwan ja’an darban lakkoofsi Daawwattoota biyya keessaa fi biyya Alaa baay’ee dabaleera - Ministira Muummee Doktar Abiyyi Ahimad

Amajjii 26/2018(ENA)-Baatiiwwan ja’an darban lakkoofsi Daawwattoota biyya keessaa fi biyya Alaa baay’ee dabaluusaa Ministirri Muummee Doktar Abiyyi Ahimad ibsan.

Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa 6ffaa walgahii idilee 10ffaa bara hojii waggaa 5ffaa irratti Miseensota Mana Maree Bakka Bu’oota Ummatootaarraa yaadaa fi gaaffii ka’aniif deebii fi ibsa kennaniiru.

Ministirri Muummee Ibsasaaniin,Tuurizimiin Utubaawwan Dinagdee Shanan Keessaa tokkodha jedhaniiru.

Haata’u malee waggoottan darban hojiiwwan misoomaa maaddii biyyaa fi dhalootaa, misooma koriidaraa fi dameelee biroon hojjetaman bakkeewwan gahumsa Tuurizimii guddisuusaa dubbataniiru.

Bakeewwan babal’ina Turizimii daawwattoota biyya keessaa fi biyya alaa sadarkaa guddaan dabaluusaa kaasaniiru.

Ayyaanonni Amantaa fi Addabaabaayii lakkoofsi tuuristootaa akka dabaluuf gumaachuusaa ibsaniiru, akkasumas lakkoofsi walga’iiiwwan Idil-Addunyaa biyya keenya keessatti gaggeeffamu dabaluusaa ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015