Qaala’iinsi jireenyaa Itiyoophiyaa yeroo jalqabaatiif gara dijiitii tokkootti gadi bu’eera-Ministira Muummee doktar Abiyyi Ahimad - ENA Afaan Oromoo
Qaala’iinsi jireenyaa Itiyoophiyaa yeroo jalqabaatiif gara dijiitii tokkootti gadi bu’eera-Ministira Muummee doktar Abiyyi Ahimad
Amajji 26/2018 (ENA) - Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad qaala’iinsi jireenyaa Itiyoophiyaa yeroo jalqabaaf gara dijiitii tokkootti gadi bu’uu danda’uu beeksisaniiru.
Yaa’iin idilee 10ffaa mana maree bakka bu’oota ummataa 6ffaa bakka Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad argamanitti gaggeeffameera.
Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad gabaasa raawwii hojii mootummaa ji’oota jahaa bara bajataa 2018 ilaalchisee gaaffii miseensonni mana marichaa kaasaniif deebii fi ibsa kennaniiru.
Ministirri Muummee doktar Abiyy Ahimad qaala'iinsa jireenyaa ilaalchisee deebii fi ibsa kennaniin, mootummaan qaala'iinsa jireenyaa tasgabbeessuuf tarkaanfiiwwan adda addaa fudhateera jedhan.
Itiyoophiyaan gargaarsa(diggomaa), deeggarsa galii dabalinsaa, cancala bittaafi gurgutaan, ibsaa, bishaanii fi boba’aa dabalatee baasii meeshaalee fi tajaajiloota waliigalaa yeroo jalqabaatiif qabxii 9.7 ykn gara dijiitii tokkootti hir’isuu akka dandeesse ibsaniiru.
Kuni bu’aa akka biyyaatti galmaa’e isa guddaa ta’uu eeruun Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad, gara fuulduraatti milkaa'ina fooyya'aa kanaan oliitiif ciminaan hojjechuun akka barbaachisu dhaamani.
Keessumaa imala wabii nyaataa mirkaneessuuf taasifamu cimuu akka qabu ibsuun,inisheetiviin damee qonnaa murteessaa ta’uu himaniiru.
Pirojektoota misooma mana jireenyaa xumuruu fi tajaajila geejjibaa filannoowwan anniisaa adda addaatiin dhiyeessuuf hojiin bal’aan hojjetamaa akka jirus ibsaniiru.
Hojiileen manneen barnootaa fi giddugalawwan soorataa keessatti hojjetamaa jiran cimee itti fufuu akka qabus mirkaneessaniiru.
Walumaa galatti, hojiilee dandeettii galii itti fufiinsaan fooyyessan hojjechuu irratti xiyyeeffachuun rakkoolee qaala'iinsa jireenyaa mudatan furuun ni danda'ama jedhan.