Tamsaasa Kallatti:

Daandiin Qilleensaa Itiyoophiyaa ji'oota jahan darbanitti namoota miiliyoona 10.7 geejjibsiiseera - Ministira Muummee doktar Abiyyi Ahimad

Amajjii 26/2018 (ENA) - Daandiin Qilleensaa Itiyoophiyaa ji’oota jahan darbanitti namoota miiliyoona 10.7 geejjibsiiseera jedhan Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad.

Daandiin Qilleensaa Itiyoophiyaa jalqaba bara jijjiiramaa sana waggaatti maamiltoota gara miiliyoona 8 geejjibsiisaa kan ture ta’uu eeruun, amma garuu ji'oota jahan darban qofa keessatti namoota miliyoona 10.7 geejjibsiiseera jedhan Ministirri Muummee.

Akkasumas jalqaba jijjiiramaatti lakkoofsi fayyadamtoota moobaayilaa miiliyoona 37 kan ture yoo ta’u; lakkoofsi kun yeroo ammaa miiliyoona 97 gaheera jedhan.

Gama biraan lakkoofsi magaalota interneetii dhaloota 5ffaa (5G) fayyadaman yeroo dhiyootti 30 akka gahu himaniiru.

Dabalataanis lakkoofsi fayyadamtoota maallaqa moobaayilaa miiliyoona 58 gahuu eeruun, kunis bu’aa xiyyeeffannoo imaammataa ta’uu ibsani.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015