Tamsaasa Kallatti:

Baatiiwwan jahan darbanitti oomishni midhaanii kuntaalli miliyoona 999 walitti qabameera-Ministira Muummee doktar Abiyyi Ahimad

Amajji 26/2018(ENA) - Baatiiwwan jahan darbanitti oomishni midhaanii kuntaalli miliyoona 999 walitti qabameera jedhan Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad.

Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa 6ffaa, Walgahii idilee 10ffaa waggaa 5ffaa bakka Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad argamanitti gaggeessaa jira.

Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad gabaasa raawwii hojii mootummaa Federaalaa ji'oota 6 bara bajataa 2018 irratti gaaffii miseensota mana mare bakka bu’oota ummataa irraa dhiyaateef deebii fi ibsa kennaa jiru.

Dhimmoota ibsa isaanii  keessatti kaasan keessaa hojiiwwanii fi bu’aawwan damee qonnaatiin ji’oota jahan darban keessatti argamaniidha.

Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad haaromsi diinagdee maakiroo biyyattii keessatti raawwatamaa jiru damee hundaan bu’aa argamsiisaa akka jiru kan beeksisan yoo ta’u, damee qonnaatiin bu’aan guddaan argamuu hubachiisaniiru.

Raawwiin damee qonnaa ji’oota jahan darbanii keessatti argame galma waggaa kaa’ame haalaan galmaan akka ga’amu kan agarsiisu ta’uu hubachiisaniiru.

Mootummaan bara bajataa kana keessatti guddina damee qonnaan dhibbeentaa 7.3 galmaan ga’uuf karoorfatee gara hojiitti galuu isaa eeraniiru.

Walumaa galatti, oomisha midhaanii kuntaala biliyoonni 1.3 galmaan kaa’uuf karoorfamee akka ture eeruun , baatii jaha keessatti oomishni midhaanii kuntaalli miliyoona 999 walitti qabamuu himaniiru.

Kunis karoora waggaa keessaa dhibbeentaa 78 milkeessuun akka danda’ame kan agarsiisu ta’uu  ibsaniiru.

Keessattuu midhaaniin, oomisha fuduraa fi muduraa(horticulture), fi misooma jirbii irratti karoora waggaa keessaa dhibbeentaan 79 ji’a jaha keessatti galma ga’uu isaa beeksisaniiru.

Oomishtummaan dabaluu isaaf sababni guddaan babal’ina makaanaayizeeshinii qonnaa akka ta’e ibsaniiru.

Itti fayyadamni paampii bishaanii qonnaan bultoota dhuunfaa biratti jiru dabaluun, itti fayyadamni teeknooloojii qonnaan bultoonni kilaastaraan gurmaa’uun hojjetan guddachuu fi hojiiwwan biroo hedduun damee qonnaa bu’a qabeessa taasisanii fi bu’aa argameef gumaacha olaanaa ta’uu ibsaniiru.

Hojiin amma jiru kuni jabaatee itti yoo fufe ji’oota jahan dhufan keessatti karoora idilee ol oomishuun akka danda’amu ibsaniiru Ministirri Muummee.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015