Tamsaasa Kallatti:

Qaama Piroojektii Maaddii Dhalootaa keessaa ijoo kan ta’e Riizoortiin Shabalee maal maal of keessaa qaba?

  • Yeroo tokkotti keessummoota hanga 400 keessummeessuu kan dandeessisu manneen nyaataa sadii
  • Giddu gala aadaa addaa
  • Galma ammayyaa kan waltajjii fi ayyaanota kabajuuf oolu
  • Bakka bashannanaa daa’immanii
  • Kiiloo meetira 15.4 kan dheeratu daandii lafoo
  • Paarkii Fuduraalee kan biqiltuu fuduraalee 10,000 keessa dhaabaman  
  • Paarkii Gaalaa
  • Kutaalee ciisichaa 51 fi tajaajila turizimii sadarkaa idil addunyaa qaban
  • Riizoortichi piroojektii Maaddii Dhalootaa keessaa ijoo kannneen ta’an keessaa tokko yoo ta’u,lafa heektaara 385 irratti kan ijaaramedha
  • Piroojektichi abjuu gara dhugaatti jijjiiruun akka danda’amu kan agarsiise, qabeenya uumamaa fi kennaawwan aadaa waloo hawaasni addunyaa qooddatu taasisuun, yaadamni ida’amuu qabatamaan kan itti mul’ate hojii guddaa dha.

 

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015