Tamsaasa Kallatti:

Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad gaaffii miseensota Mana Maree Bakka Bu'oota Ummatootaa irraa kana’iif deebii fi ibsa kennaa jiru

Amajji 26/2018 (ENA)- Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad gaaffii miseensota Mana Maree Bakka Bu'oota Ummatootaa irraa kana’iif deebii fi ibsa kennaa jiru.

Ministirri Muummee gaaffii miseensonni mana marichaa dhimmoota diinagdee irratti kaasaniif deebii kennaniin,

kaayyoowwan ijoo haaromsa diinagdee Itiyoophiyaa keessaa tokko madaallii dhabuu diinagdee maakiroo tasgabbeessuu akka ta’e ibsaniiru.

Inni lammataa kallattii diinagdee qonnaa bu’uura godhate irraa gara diinagdee damee hedduu fi qooda fudhatutti jijjiiruun guddina qulqullina olaanaa galmeessuu yoo ta’u, inni kaan immoo ba’aa liqaa Itiyoophiyaa hir’isuu dha.

Gama kanaan Itiyoophiyaan sadarkaa hundaan milkaa’ina diinagdee dinqisiisaa galmeessitee jirti jedhan.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015