Tamsaasa Kallatti:

Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa 6ffaa bara hojii 5ffaa walgahii idilee 10ffaa irratti deebii fi ibsa Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataaf kennaa jiraniin dhimmoota ijoo kaasan keessaa:

• Riifoormiin diinagdee seenaa biyya keenyaa keessatti bu’aalee diinagdee qabatamaa fi onnachiisaa fideera.

• Utubaawwan guddina diinagdee shanan keessaa tokko sababni inni teeknooloojii ta’eef faayidaa dhaloota boruuf qabu hubachuuni. Hojii dhalootaarratti xiyyeeffate hojjechaa jiraachuu keenya riifoormiiwwan keenyaan hojiirra oolchaa jiru.

• Waggaa tokko keessatti addunyaarraa lammaffaa kan ta’e yunivarsiitiin hubannoo namtolchee (AI) hojii eegaleera.

• Itiyoo-koodarsiin hanga ammaatti lammiileen miliyoona 3 ol leenjii fudhataniiru.

• Misooma koriidaraan, qarqara lageenii,ijaarsa bakkeewwan ispoortii fi magaalota ammayyeessuu jijjiiramoonni mul’atan galmaa’aniiru.

• Hojiiwwan Ashaaraa Magariisaan hojiiwwan qabeenya uumamaan wal siman hojjechaa jirra;qabatamaa; kan argamuu fi addunyaan beekamtii kenneeraafi.

• Bara 2025tti biyyoota saffisaan guddachaa jiran jedhamuun galmaa’an 10 keessaa Itiyoophiyaa dabalatee shan Afrikaa keessatti argamu.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015