Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad walgahii idilee 10ffaa waggaa 5ffaa Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa 6ffaa irratti Miseensota Mana Maree Bakka Bu’oota Ummatootaaf deebii fi ibsa wayita kennan dhimmoota kaasan keessaa: - ENA Afaan Oromoo
Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad walgahii idilee 10ffaa waggaa 5ffaa Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa 6ffaa irratti Miseensota Mana Maree Bakka Bu’oota Ummatootaaf deebii fi ibsa wayita kennan dhimmoota kaasan keessaa:
Jalqaba bara baajataatti mootummaan galii birrii tiriliyoona 1 Tuqaa 2 walitti qabuuf karoorfatee kan ture yoo ta’u, ji’oota jahan darban qofa keessatti galiin birrii biiliyoona 709 walitti qabamuu danda’ameera.
Kuni bu'aa guddaa ta'us, biyyoota Sahaaraa gadii wajjin wal bira qabamee gaafa ilaalamu ammallee kanaan ol hojjechuun nurraa eegama. Gama baasiitiin mootummaan ji’oota jahan darban keessatti maallaqa baasuuf karoorfate keessaa dhibbeentaa 48 tiqaa 5 qofa baaseera.
Yeroo darbe kana keessatti Itiyoophiyaan liqaa daldalaa (koomershaalii) doolaara tokko hin liqeeffanne. Kuni milkaa’ina guddaa dha.
Afrikaan hundi gama raawwii piroojektii fi bulchiinsa pirojektiitiin Itiyoophiyaa irraa barachuu ni barata.
Ji’oota jahan darbanitti al-ergii irraa doolaara biiliyoona 4.2 argachuuf karoorfannee doolaara biiliyoona 5 tuqaa 2 arganneerra.
Ji'oota jahan darbanitti doolaarri biiliyoona 11 tuqaa 3 meeshaalee biyya alaatii galfamaniif baheera.
Qaala'iinsa jireenyaaf sababa kan ta'eef tokko fedhii fi dhiyeessiin walirraa fagaachuu isaati