Tamsaasa Kallatti:

Itiyoophiyaan biyyoota Osoo boba’aa hin qabaatiin guddina si’ataa galmeessisan keessaa ishee tokkodha- Ministira Muummee Doktar Abiyyi Ahimad

Amajjii 26/2018(ENA)- Itiyoophiyaan biyyoota Osoo boba’aa hin qabaatiin guddina si’ataa galmeessisan keessaa ishee tokko jechuun Ministira Muummee Doktar Abiyyi Ahimad ibsan.

Ministira Muummee Doktar Abiyyi Ahimad mana maree bakka bu’oota 6ffaa Walga'ii idilee 10ffaa bara hojii 5ffaa irratti miseensota mana mareef deebii fi ibsa kennaa jiru.

Ministirri Muummee Doktar Abiyyi Ahimad raaga guddinaa ilaalchisee ibsa miseensota Mana maree bakka bu’oota ummataaf kennaniin Itiyoophiyaan biyyoota Osoo boba’aa hin qabaatiin guddina si’ataa galmeessisan keessaa ishee tokko dha jedhaniiru.

Bara baajataa kana raawwii guddinaa baatiiwwan ja’an darbanii gamaggamuun Itiyoophiyaan dhuma waggaa bara kanaa guddina dhibbantaa10 tuqaa2 akka galmeessistu fooya’insi karooraa taassifameera jedhaniiru.

Raagni kun raaga maallaqaa Idil- Addunyaa waliin kan walitti dhihaate ta’uu ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015