Biyyoota boba'aa osoo hin qabaatiin guddina ariifataa galmeessan keessaa Itiyoophiyaan tokko dha – Ministira Muummee doktar Abiyyi Ahimad - ENA Afaan Oromoo
Biyyoota boba'aa osoo hin qabaatiin guddina ariifataa galmeessan keessaa Itiyoophiyaan tokko dha – Ministira Muummee doktar Abiyyi Ahimad
Amajjii 26/2018 (ENA)- Itiyoophiyaan biyyoota boba’aa osoo hin qabaatiin guddina ariifataa galmeessan keessaa tokko ta’uu Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad ibsaniiru.
Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad walgahii idilee 10ffaa waggaa 5ffaa Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa 6ffaa irratti Miseensota Mana Maree Bakka Bu’oota Ummatootaaf deebii fi ibsa kennaa jiru.
Raaga guddinaa ilaalchisee miseensoota mana marichaaf ibsa kennaniin Ministirri Muummee Itiyoophiyaan biyyoota boba’aa hin qabne guddina ariifataa galmeessan keessaa tokko ta’uu ibsaniiru.
Itiyoophiyaan raawwii guddina ji’oota jahan darbanii bara baajataa kanaa erga gamaaggamamee booda dhuma waggaatti guddina dhibbeentaa 10.2 galmaan ga’uuf karoora qabdu fooyyessitee jirti jedhan.
Tilmaamni kun tilmaama dhaabbata Maallaqaa Idil-addunyaa waliin walitti dhihoo ta’uu ibsaniiru.