Gaaffiiwwan miseensota Mana Maree Bakka Bu'oota Ummataa 6ffaa Walga'ii idilee 10ffaa bara hojii 5ffaa irratti Ministirri Muummee Doktar Abiyyi Ahimadiif dhihaatan keessaa :- - ENA Afaan Oromoo
Gaaffiiwwan miseensota Mana Maree Bakka Bu'oota Ummataa 6ffaa Walga'ii idilee 10ffaa bara hojii 5ffaa irratti Ministirri Muummee Doktar Abiyyi Ahimadiif dhihaatan keessaa :-
Walitti bu’iinsa naannolee tokko tokkotti uumamaa jiran furuun nageenyaa waaraa buusuuf maaltu hojjetamaa jiraa? bakkeewwan walitti bu’insa keessa turan deebbisanii ijaaruuf hojiin maltu hojjetamaa jiraa?
Filannoon waliigalaa marsaa 7ffaan milkaa’inaan akka raawwatamuuf gama mootummaan gahumsaan hojiileen hojjetamaa jiran maali?
Haalli nageenyaa naannoo Tigraay yeroo ammaa sadarkaa maaliirratti argamaa?
Filannoo biyyaalessaa gaggeessuuf bulchiinsa yeroo waliin hojiin hojjetamaa jiru maalii ?
Marii Biyyaalessaa milkeessuu fi carraa kana sirnaan fayyadamuuf uummataa fi qaamole qooda fudhatootarraa maaltu eegamaa?
Rakkoo hojii dhabdummaa furuuf mootummaan maal hojjechaa jira?
Milkaa’ina marii biyyaalessaaf nageenyi furtuudha; qaamolee hidhatanii socho’an waliin nageenya waaraa buusuuf hojii mootummaan hojjechaa jiru yoo jiraate haa ibsamu.
Faayidaa biyyaalessaa adda baasnee akka biyyaatti tokkummaan dhaabbachuuf hojii mootummaan hojjechaa jiru maalii?
Omisha Daawwaa biyya keessaa deeggaruu fi rakkoolee damichaan mul’atan furuuf maaltu hojjetamaa jiraa?
Filannoo waliigalaa marsaa 7ffaaf haala mijataa uumuuf maaltu hojjetamaa jiraa ?
Hojiilee qaala’iinsi jireenyaa salphisuuf hojjetamaa jiran irratti ibsi osoo kennamee? Kanneen jedhan dabalatee yaadnii fi gaaffiin miseensota mana maree bakka bu’oota uummataarraa Ministira muummee Doktar Abiyyi Ahimadiif dhihaataniiru.