Waraqaan Eenyummeessaa Faayidaa fayyadamummaa hawaasummaa fi Diinagdee dubartootaa guddisuuf murteessaadha - ENA Afaan Oromoo
Waraqaan Eenyummeessaa Faayidaa fayyadamummaa hawaasummaa fi Diinagdee dubartootaa guddisuuf murteessaadha
Amajjii25/2018(ENA)-Waraqaan Eenyummeessaa biyyoolessaa Faayidaa fayyadamummaa hawaasummaa fi Diinagdee dubartootaa guddisuuf qooda qabaachuu hoggantoonni Dubartootaa Naannoo Affaarii fi Benishaangul gumuz dubbatan.
Naannichatti dubartoonni Waraqaa eenyummeessaa DijiitaalaaFaayidaa akka qabaataniif Xiyeeffannoon itti kennamee hojjetamaa jiraachu dubbataniiru.
Itti Aantuun Hoggantuu Biiroo dhimma Dubartootaa fi Hawaasummaa Aadde Nasiroo Uudaa akka ibsaniitti, yerichi yeroo dijiitalaa waan ta’eef galmeen waraqaa eenyummeessaa Dijiitaalaa Biiyyoolessaa gaggeeffamaa jiru haala dubartoota hirmaachiseen hojjetamaa jira jedhaniiru.
Keessumaa Naannichatti bakkeewwan baadiyaatti dubartoota haala Kanaan fayyadamoo taassisuuf hojiiwwan dandeessisan hojjetamaa jirachuu ibsaniiru.
Sadarkaa naannootti dubartoota Miiliyoona tokko fayyadamoo waraqaa eenyummaa dijiitalaa taassisuuf qindoominaan hojjetamaa jirachuu ibsuun ,waraqaan eenyummeessa Dijiitaala Faayidaa Fayyadamummaa hawaasunmmaa fi Diinagdee dubartootaa guddisuuf kan gargaaru ta’uu hubachiisaniiru.
Naannoo Benishaangul gumuz Bulchiinsa Magaalaa Asoosaatti Hoggantuun Qajeelcha Maallaqaa Magaalaa Asoosaa Aadde Faaxumaa Mahaammad gamasaaniin , Waraqaan eenyummeessa Dijiitaalaa Faayidaa tajaajilli akka si’atu gochuun hirmaanaa fi fayyadamummaa dubartootaa guddisa jedhaniiru.
Bulchiinsa Magaalaa Asoosaatti Bulchituun ganda 01 Aaddee Amuunaa Abdulwaahid akka jedhanitti, waraqaan eenyummeessaa Faayidaa Faayidaa dubartootaaf qabu hubachiisuun hojin hubannaa uumuu hojjetama jira jedhaniiru.
Hojii sososchii hanga ammaatti hojjetameen dubartoota hedduu fayyadamoo waraqaa eenyummeessaa dijiitaalaa gochuun danda’amuu ibsun baatiiwwan itti aanaanaittis galmicha milkeessuuf ni hojjetama jedhaniiru.
Gurmaa’insa dubartootaa adda addaa fayyadamuun waraqaa eenyummeessa Dijiitaalaa faayidaa akka qabaatan hojiin eegalamee cimee itti fufa jedhaniiru.