Manni Marichaa Filannoon waliigalaa 7ffaa nagaa, dimokiraatawaa fi haqa qabeessa akka ta’uuf ga’ee isaa ni cimsa - ENA Afaan Oromoo
Manni Marichaa Filannoon waliigalaa 7ffaa nagaa, dimokiraatawaa fi haqa qabeessa akka ta’uuf ga’ee isaa ni cimsa
Amajji 25/2018 (ENA) - Manni Maree Waloo Paartilee Siyaasaa Naannoo Oromiyaa filannoo waliigalaa 7ffaa nagaa, dimokiraatawaa fi haqa qabeessa akka ta’uuf gahee isaa cimsa jedhan barreessaan olaanaa mana maree waloo Taarikuu Dimbaruu.
Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Itiyoophiyaa Amajji 1, 2018 irraa eegalee akkaataa sagantaa filannootiin galmee kaadhimamtootaa filannoo waliigalaa 7ffaa gaggeessaa akka ture ni beekama.
Filannoon waliigalaa 7ffaa bilisaa, nagaa, dimokiraatawaa fi haqa qabeessa akka ta’u gochuu keessatti qooda fudhattoonni gahee murteessaa taphachuu akka qaban boordichi ibseera.
Dhimma kana irratti ENA waliin haasawa taasisaniin, Barreessaan Olaanaa Mana Maree Waloo Paartilee Siyaasaa Naannoo Oromiyaa Taarikuu Dimbaruu filannoon sirna fayyadamummaa lammiilee bal’isuu fi biyya kan cimsu ta’uu ibsaniiru.
Adeemsi filannoo waliigalaa 7ffaa nagaa, dimokiraatawaa, haqa qabeessaa fi hirmaachisaa akka ta’uuf Manni marichaa paartilee miseensa waliin waliigaltee irra ga’uu isaa fi koreen filannoo kana hordofu hundeeffamuu isaa ibsaniiru.
Itti dabaluunis, paartileen siyaasaa barbaachisummaa filannootti amananii, adeemsa filannoo keessatti dammaqinaan hirmaachaa akka jiran himaniiru.
Paartileen siyaasaa gaggeessitoonni, kaadhimamaa fi miseensonni isaanii adeemsa filannoo kana milkeessuu keessatti dammaqinaan akka hirmaatan jajjabeessuu akka qabanis hubachiisaniiru.