Tamsaasa Kallatti:

Gamtaan Afriikaa fi Yunaayitid Kingidam Walta’insasaanii cimsuuf fedhii waloosaanii ibsan

Amajjii 25/2018(ENA)-Gamtaan Afriikaa fi Yunaayitid Kingidam Nageenyaa fi Misooma dabalatee dameelee adda addaan Walta’insasaanii cimsuuf akka hojjetan beeksisan.

Dura taa’aan Komishinii Gamtaa Afriikaa Mahaammud Alii Yusuuf, Ministira dhimma Alaa Koman walzii fi Misoomaa Yunaayitid Kingidam Yiveet Kuppeer waliin waajjira teessoo Gamtichaa Finfinneetti marii’ataniiru.


 

Marichi Hariiroo yeroo dheeraa Afriikaa fi Yuunaayitid kingidamirratti kan xiyyeeffatedha.

Gareewwan lameen hariiroo gam-hedduu fi sirna seera Idil- Addunyaa bu’uura godhate eeguuf kutannoo waloon qabani ibsaniiru.

Dura taa’aan Komishinii Gamtaa Afriikaa Mahaammud Alii Yusuuf, Yunaayitid Kingidaam Hariiroo yeroo dheeraa Afriikaa waliin qabdu kan dinqisiifatan yoo ta’u,shoora olaanaa Addunyaarratti qabduu fi Miseensota biyyoota Gamtaa Afriikaa waliin hariiroo gama Fayyaan, Barnootaan, Haala Qilleensaa fi Daldalaan qabdu kaasaniiru.


 

Biyyattiin Afriikaaf wiirtuu dhukkuba ittisuu fi to’achuuf (CDCAfriikaa) qophii fi deebii yeroo balaa, akkasumas Somaaliyaatti deeggarsa Gamtaa Afriikaa fi ergama tasgabbii (AWUSOM)f taassisaa akka jirtu hubachiisaniiru.

Ministirri dhimma Alaa Koman walzii fi Misoomaa Yunaayitid Kingidam Yiveet Kuppeer, Gamtaan Afriikaa Dippiloomaasii Addunyaan, Nageenyaa fi Misooma Riijiniif qooda qabu raajeffataniiru.


 

Gareewwan lameen Gamataan Afriikaa fi Yunaayitid Kingidam, Sudaan, ruujinii sahelii fi Somaaliyaatti ergama nagaa kabachiisaa Afriikarratti tumsa qaban haala cimsuu danda’anirratti marii’achuusaanii odeeffannoon ENA’n Gamticharraa argate hubachiisa.

 

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015