Tamsaasa Kallatti:

Yaadamni Badhaadhinaa waggoota jijjiiramaa darban keessatti lafa qabatee firii naqachaa jira - Itti aanaa Ministira Muummee Tamasgeen Xurunaa

Amajjii 25/2018 (ENA)- Yaadamni Badhaadhinaa waggoota jijjiiramaa darban keessatti lafa qabatee firii naqachaa jira jedhan itti aanaan Ministira Muummee obbo Tamasgeen Xurunaa.

Itti aanaan Ministira Muummee obbo Tamasgeen Xurunaa raawwii hojii qaamolee raawwachiiftuu Ministira Muummeef itti waamaman walakkaa bara baajata 2018 gamaaggamneerra jedhan.


 

Yaadamni Badhaadhinaa waggoota jijjiiramaa darban keessatti lafa qabatee firii naqachaa akka jirus ibsaniiru.

Kanaafis dhaabbileenii fi hoggantoonni dhaabbilee gahee adda duree qabaachuu ibsaniiru.

Adeemsi Badhaadhinaa ‘’hojjechaan jira; hojjechuufan ture; hojjechuuttan jira; kan jedhu gabaasa hojii akkanaa hin fudhatu kan jedhan itti aanaan Ministira Muummee, yoo hojjetameera ta’e qabatamaan argamuu qaba jedhan.

Jala bultii waggaa haaraa 2018tti Hidha Haaromsa Guddicha Itiyoophiyaa xumurree yaa’ii kanarratti pirojektoota biyyoolessaa gurguddoo jalqabuuf hojiitti galleerra jedhan.

Buufata Xiyyaaraa Idil Addunyaa Bishooftuu, warshaa boba’aa fi xaa’oo dabalatee kutaalee biyyattii gara garaa keessatti pirojektoota gurguddoo (meeggaa) eegalleerra jedhan.

Mootummaa keenyaa kan ittiin beekamu eegalee ariitiin xumuruudha, Riizoortii Shabalee fi warshaa anniisaa qilleensaa Ayishaa-2 yaadama Kanaan ijaaraman eebbifneerra jedhaniiru.

Yeroo dhiyootti pirojektoonni eebbisiifnu jiru kan jedhan itti aanaan Ministira Muummee, daandiilee, riqaalee, hidhaa fi manneen ijaaramaa jiran akka fakkeenyaatti eeraniiru.

Missiraachoon Gubaas suuta suutaan lafa qabatee hojiirra oolaa akka jirus ergaa isaanii keessatti hubachiisaniiru.

Gamaaggama keenya har’aa keessatti sochii hojii fi bu’aa ba’ii keenya madaalleerra; dadhabina keenya gara laafina malee sirreessuuf murteessineerra; Marii ijaarsa qabu kan furmaata agarsiisuu fi tarsiimoo haaraa bocuuf taasifneerra jedhan.

Injifannoo waggoota darbanii fi walakkaa bara baajataa jalqabaa keessatti galmeessineen osoo hin booniin, garuu jiddu galeessaan hamilee horachuun, ji’oota jahan dhufan keessatti bu’aa fi injifannoo olaanaa galmeessuuf cimnee hojjechuuf walii galleerra jechuun ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015