Dhiheessii humna Aannisaa Paarkii Industirii Amansiisaa taassisuuf hojiin hedduun raawwatameera - ENA Afaan Oromoo
Dhiheessii humna Aannisaa Paarkii Industirii Amansiisaa taassisuuf hojiin hedduun raawwatameera
Amajjii 25/2018(ENA)- Sararri Humna ibsaa dhiheessii Anniisaa Paarkii Industirii Adaamaa Amansiisaa gochuu gargaaru diriirfamuu Tajaajilli Elektiriikii Itiyoophiyaa beeksise.
Tajaajila Elektiriikii Itiyoophiyaatti hojii raawwachiisaan Komunikeeshinii Aniwaar Abraar, Paarkiin Industirichi ammaan dura buufata humna raabsaa Awaash malkaasaarraa argachaa akka ture himuun, sarara dhuunfaasaa waan hin qabneef addaan ciccitinsi humnaa isa mudachaa ture jedhaniiru.
Yeroo ammaa buufata raabsa Anniisaa Adaamaa 3ffaarraa kallattiin sararoota gidduugaleessaa kiiloovooltii abbaa 33 paarkichaaf diriirsuun humna amansiisaa akka qabaatu taasifamuusaa ENA’f ibsaniiru.
Sararrii Elektiriikii diriire KM.56 tuqaa 25 ta’uu eeruun, kanaanis 800 abbaa meetira 12 fi 500 abbaa meetira 14 yoo ta’u, waliigala dhaabbiin Utubaa konkiriitii 774 raawwatamuu ibsaniiru.
Buufanni raabsichaa Anniisaa Meeggaa waattii 40 paarkichaaf kallattiin dhiheessuuf akka danda’u hubachiisaniiru.
Kunis industiriiwwan omishaa hanga humna amma fayyadamanii dachaan guddisuu fi omishtoota dabalataa hawwachuuf faayidaa guddaa qabaata jedhaniiru.
Sararri Elektiriikaa diriire dhiheessii Anniisaa Paarkichaa amansiisaa taassisuun olitti, Industiroota Omishaa paarkicharratti bobba’anii jiraniif humna dabalataa uumuuf, carraa hojii dabalataa babal’isuu fi diinagdee deeggaruuf dandeessisuu hubachiisaniiru.
Diinagdeen biyya keenyaa guddachaa fi Industiriiwwan babal’achaa dhufuun fedhiin humna ibsaa itti fufinsa fi qulqullina olaanaa qabu dabalaa waan dhufeef, dhaabbanni keenya fedhiiwwan kana Saffisaan, Kalaqaanii fi gahumsaan guutuuf ciminaan hojjechaa jira jechuun beeksisaniiru.