Tamsaasa Kallatti:

Filannoo biyyaalessaa 7ffaa bilisa, haqa qabeessaa fi loogii kan hin qabne akka ta’u taasisuu keessatti qooda fudhattoonni gahee murteessaa bahachuu qabu - Boordii Filannoo Biyyaalessaa Itiyoophiyaa

Amajjii 25/2018 (ENA)- Filannoon biyyaalessaa 7ffaa bilisa, haqa qabeessaa fi loogii kan hin qabne akka ta’u taasisuu keessatti qooda fudhattoonni gahee murteessaa bahachuu qabu jedhan walitti qabduun Boordii Filannoo Biyyoolessaa Itiyoophiyaa Meelatwarqi Hayiluu.

Boordiin Filannoo Biyyoolessaa Itiyoophiyaa haala nageenyaa bulchiinsa naannoo fi magaalotaa madaaluuf waltajjii marii qooda fudhattootaa magaalaa Finfinneetti gaggeessaa jira.


 

Hoggantoonni bulchiinsa naannoolee, kantiiboonni bulchiinsa magaalotaa, hoggantoonni paartilee siyaasaa, qondaaltonni nageenyaa fi bakka bu’oonni waldaalee siivikii waltajjii kana irratti hirmaataniiru.

Walitti qabduun Boordii Filannoo Biyyaalessaa Itiyoophiyaa Meelaatewarqi Hayiluu akka jedhanitti, filannoo biyyoolessaa 7ffaa milkaa’inaan gaggeessuuf hojiin qophii haal duree taasifamaa jira.

Qophii filannoo biyyoolessaa 7ffaaf ka’umsa ta’ee sagantaa filannoo beeksisuun hojiiwwan qabatamaan hojjetamaa akka jiran yaadachiisaniiru.

Dhaabbileen waldaalee siivikii hubannoo filattootaa guddisuuf barnootaa fi leenjii kennuuf eeyyama argachuun hojii eegaluu isaaniis beeksisaniiru.

Hirmaannaa paartilee siyaasaa cimsuuf deeggarsi taasifamaafii akka jirus ibsaniiru.

Waltajjiin marii qooda fudhattootaa haala yeroo naannoo ilaacha keessa galchuun hubannoo uumuufis ta’uu ibsaniiru.

Gara fuuladuraattis filannoon biyyoolessaa Itiyoophiyaa 7ffaan bilisa, haqa qabeessaa fi loogii kan hin qabne akka ta’uuf qooda fudhattoonni gahee murteessaa bahachuu akka qabanis dhaamsa dabarsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015