Tamsaasa Kallatti:

Ministirri Muummee FDRI Doktar Abiyyi Ahimad boru Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataatti argamuun ibsa ni kennu.

Amajjii 25/2018 (ENA) – Ministirri Muummee FDRI Doktar Abiyyi Ahimad boru Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataatti argamuun ibsa ni kennu.

Manni Maree Bakka Bu'oota Uummataa 6ffaa,Walga’ii Idilee 10ffaa bara hojii 5ffaa boru Amajjii 26/2018 gaggeessa.

Manni Marichaa gabaasa raawwii hojii Mootummaa Federaalaa ji'oota jahaa bara bajataa 2018 irratti Miseensonni Mana Marichaa gaafataniif deebii fi ibsa Ministirri Muummee doktar Abiy Ahimad kennan akka dhaggeeffatu ibsameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015