Tamsaasa Kallatti:

Doktar Abiyyi Ahimad Ministira Dhimma Alaa UK waliin mari’atani

Amajjii 24/2018 (ENA)- Ministirri Muummee FDRI Doktar Abiyyi Ahimad Ministira Dhimma Alaa fi Dhimmoota Misoomaa Yuunaayitiid Kiingidam(UK) Yiveet Kuupar waliin mari’atani.

Doktar Abiyyi Ahimad ergaa miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin, Ministira Dhimma Alaa, Badhaadhina Waloo (Koomoonweelzii) fi Misoomaa Yuunaayitiid Kiingidam Yiveet Kuupar waliin dhimmoota gamlamee fi naannawaarratti mari’anneerra jedhani.


 

Marii gaggeeffameen cinaatti hammattoo gorsitoota Invastimeentii jalatti Invastimantii fi Bulchiinsa qabeenyaan tumsa teeknikaaf sanadni waliigaltee fi waliigalteen misooma waloo mallattaa’uus Doktar Abiyyi ibsaniiru.


 

Kunis piroojektii daddabarsa anniisaa Huursoo- Ayishaa kiiloo vooltii 400 fi Dagaahabuur- Qabridahaar kiiloo vooltii 132 ta’uu himaniiru.

Waliigalteen kunneen tumsa cimsuu fi bu’uuraalee misoomaa tarsiimawaa babal’isuu keessatti gahee olaanaa qabaachuu ibsani.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015