Naannoo Oromiyatti rakkoo manneen jirenyaa waaraan furuuf hojiiwwan qindaa’oon hojjetama jira- Biiroo Misooma Magaalaa fi Manneen Oromiyaa - ENA Afaan Oromoo
Naannoo Oromiyatti rakkoo manneen jirenyaa waaraan furuuf hojiiwwan qindaa’oon hojjetama jira- Biiroo Misooma Magaalaa fi Manneen Oromiyaa
Amajji 24 /2018(ENA)- Naannoo Oromiyatti rakkoo manneen jirenyaa waaraan furuuf hojiiwwan qindaa’oon hojjetama jiraachuu Biiroon Misooma Magaalaa fi Manneen Oromiyaa beeksiseera.
Itti aanaan hogganaa Biiroo Misoomaa Magaalaa fi Manneenii Oromiyaa obbo Biraanuu Baqqalaa ENA Afaan Oromootti akka himanitti; naannichaatti manneen jireenyaa jiranii fi fedhiin jiru kan walsimu miti.
Rakkoo kana waaraan furuuf mootummaan naannichaa sagantaalee adda addaa qopheesuun hojjecha jiraachuu eeraniiru.
Haaluma kanaan mootummaan rakkoo dhiyeessii mana jireenyaa magaaloota Oromiyaa keessa jiru waaraan furuuf hojii mootummaan hojjetu cinaatti, hirmaannaa damee dhuunfaan, waldaalee fi tola ooltotaan manneen jireenyaa ijaaraa jira jedhaniiru.
Naannichaatti rakkoo mana jirenyaa jiru salphisuuf bara bajata 2018 manneen lakkoofsaan kuma 97 fi 560 ijaarameera jedhaniiru.
Dabalataan naannichatti rakkoo kiraa manaa waliin walqabatee jiru furuuf hojiin hedduun hojjetamuus eeraniiru.
Keessattu mirga kireessaa fi kireeffataa karaa madaalawwaa ta’een kabachiisuu fi damee kana seeraan hogganuuf labsii mootummaan dhiheenya akka biyyaatti baase bu’uureffachuun akka naannootti qajelfama qopheesuun hojiirra oolchaa jiraachuu ibsaniiru.
Haaluma kanaan waliigaltee kireessaa fi kireeffataan yoo ta’e malee kireessan hanga wagga lamaatti kireeffataa mana kireeffate keessaa baasuus ta’ee gatii itti dabaluu akka hin dandeenye taasifamuu himaniiru.
Gama biraan naannichatti manneen gandaa seeraan ala namoota hin malleefiin qabamanii jiran irratti hordoffii taasisuun harkaa akka fuudhamu taasifamuu himaniiru.
Haaluma kanaan hanga ammaati manneen gandaa 1296 seeraan alaa qabamanii turaan yeroo ammaa lammiilee harka qalleeyyii fi galii gadii aanaa qabaniif kennamuu himaniiru.