Tamsaasa Kallatti:

Yaadannoon Injifannoo Adwaa siidaa hambaa seenessa waloo biyyoolessaa Itiyoophiyaanotaati

Amajjii 24/2018 (ENA)- Yaadannoon Injifannoo Adwaa siidaa hambaa seenessa waloo biyyoolessaa Itiyoophiyaa injifannoo ulfina qabeessa abbootiin keenya tokkummaan galmeessan kan himu ta’uu daawwattoonni dubbatani.


 

Daawwataan dhalootaan Itiyoophiyaa ta’e Xaaliyaanii irraa dhufe Kiyyaa Yaadannee akka jedhutti, Yaadannoon Injifannoo Adwaa siidaa seenaa qabsaawota abbootiin keenya tokkummaa Itiyoophiyaaf oolan kan nama yaadachiisudha.

Yaadannoon Injifannoo Adwaa kun meeshaa hambaa seenessa waloo biyyoolessaa ijaaruuf kan gargaaru yoo ta’u, Itiyoophiyaa bira darbee ummatoota gurraachota addunyaarra jiraatan hundaaf, ergaa, abdii fi hamilee olaanaa kan dabarsu ta’uus ENAtti himaniiru.


 

Dubartiin dhalootaan Itiyoophiyaa Kaalifoorniyaa irraa kan dhufan Aazeeb Yaadannee, Yaadannoon Injifannoo Adwaa siidaa seenaa sabaa dhaloota itti aanu kan barsiisu ta’uu ibsani.


 

Daarektarri Olaanaa Yaadannoo Injifannoo Adwaa Doktar Jooseef Beekaan yaadannoon Injifannoo Adwaa kun dhaloonni ammaa fi egeree seenaa injifannoo abbootii isaanii hubachuuf seeneffama waloo ijaaruuf meeshaa ta’ee kan tajaajilu ragaa jiraataa ta’uu ibsaniiru.

Iddoo gahumsa turistootaa ta'ee tajaajilaa jiraachuus himani.


 

Haaluma kanaan ji’oota jahan darban keessatti daawwattoota biyya keessaa fi alaa kuma 350 ol keessummeessuun ijaarsa biyyaa fi misooma tuuriizimii keessatti gahee olaanaa taphachuu isaa hubachiisaniiru.

Daawwattoota keessaa 10,000 ol dargaggoota ta’uu ibsuun, kunis seeneffama waloo ijaaruuf hiika hedduu akka qabu ibsaniiru.


 

Yaadannoon Injifannoo Adwaa seeneessaa seenaa waloo keenyaa, abjuu keenya kan ittiin milkeessinuu fi bu’uura seeneffama waloo keenyaati jedhan.


 

Dhaloonni ammaa akkuma gootota Adwaa seenaa mataa isaa barreessuun guddina biyyaa keessatti gahee isaa bahachuun akka irraa eegamu hubachiisaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015