Teekinooloojiitiin deeggaramuun tajaajila haqaa lammiilee si’aawaa taasisuun danda’ameera - ENA Afaan Oromoo
Teekinooloojiitiin deeggaramuun tajaajila haqaa lammiilee si’aawaa taasisuun danda’ameera
Amajjii 24/2018 (ENA) - Teeknooloojiitti fayyadamuu fi qajeelfama hojmaataalee dhimmootaa hojiirra oolchuun tajaajila haqaa lammiilee sirreessuun danda’ameera jedhan Pireezidaantiin Mana Murtii Ol’aanaa Federaalaa aadde Leellisee Dassaaleny.
Sirna haqaa fooyyessuu fi tajaajila hawaasaaf kennamu bu’a qabeessa taasisuuf hojiin riifoormii bal’aan hojjetamuu eeraniiru.
Haaluma kanaan maloonni waldhabdee hiikuu aadaa akka sirna falmii hiikuu filannootti deeggarsa seeraa fi beekamtiin kennameefii jira.
Itiyoophiyaatti qindoomina manneen murtii hojiirra oolchuun qulqullinni kenniinsa tajaajilaa fooyya’uus beeksisaniiru.
Manneen Murtii Federaalaa fi Naannoo keessatti haaromsi hedduun akka taasifame eeruun, dhimmoonni waldhabdee sadarkaa olaanaa qaban qindoomina mana murtiitiin furmaata argachuu isaanii mirkaneessaniiru.
Hojiin haaromsa mana murtiis gaaffii hawaasni haqa ariifachiisaa akka argatu fooyyessee jiraachuus akeekaniiru.
Bulchiinsa falmii fi qulqullina murtii irratti komiin ka’aa akka ture hubachiiisuun, rakkoo kana dhaabbataadhaan hiikuuf qooda fudhattoonni komii fi odeeffannoo qulqullina qabu akka dhiyeessan taasifamaa jira jedhan.
Murteewwan dhaddacha Ijibbaataa barreeffamaan qurmeessuun akka kaahaman taasisuun, ijaarsa dandeettii fi murtee walfakkaataa dabarsuuf tajaajila olaanaa kennaa jiraachuu dubbataniiru.
Teeknooloojiitti fayyadamuun tajaajila gahumsaa fi dhaqqabamaa ta’e kennuudhaaf tattaaffiin taasifamaa akka jirus ibsuun, hojiirra oolmaan qajeelfama yaa’a dhimmootaa hojii kanaaf dandeettii dabalataa uumaa akka jiru hubachiisaniiru.