Mariin Biyyaalessaa Itiyoophiyaa misoomni ishee kan mirkanaa’e dhalootaaf dabarsuudhaaf carraa seena qabeessa dha - ENA Afaan Oromoo
Mariin Biyyaalessaa Itiyoophiyaa misoomni ishee kan mirkanaa’e dhalootaaf dabarsuudhaaf carraa seena qabeessa dha
Amajjii 24/2018 (ENA)- Mariin Biyyaalessaa Itiyoophiyaa nageenyii fi misoomni ishee mirkanaa’e dhaloota dhufuuf dabarsuudhaaf carraa seena qabeessa ta’uu jiraattonni magaalaa Shaggar himani.
Obbo Kabbadaa Kumsaa yaada ENA’f kannaniin mariin kun garaagarummaa jiru mariin furuuf balbala guddaa kan bane ta’uu ibsani. Itti dabaluunis mariin kun adeemsa waliin mariitiin biyya ijaaruu dhugoomsuu keessatti gahee olaanaa qaba kan jedhan yoo ta’u; akkasumas milkaa’ina isaaf ga’ee isaanii akka bahan mirkaneessaniiru.
Rakkoolee yeroo dheeraaf turan mariidhaan hiikuun nagaa fi tokkummaa waaraa daran cimsuuf furmaata hojiirra ooluu danda’u ta’uus hubachiisaniiru. Akkasumas Itiyoophiyaa badhaate boruuf bu’uura akka kaa’u himani.
Yaada kan kennan kan biraan aadde Caalii Warqinaa, rakkoolee mariidhaan furuuf carraaqqii taasifamu keessatti namni hundi gahee isaa bahuu akka qabu hubachiisani.
Mariin kun rakkoolee mudatan hiikuun nagaa fi misoomni waaraa biyyattii mirkaneessa jedhani.
Marii biyyoolessaa kun misooma itti fufiinsa qabuu fi tokkummaa ummata gidduutti bu’uura cimaa kan kaa’u ta’uus himaniiru.
Komishiniin marii biyyoolessaa Itiyoophiyaa waldhabdee biyyattii keessatti uumamu mariidhaan hiikuuf akkasumas ajandaalee biyyoolessaa waloo irratti waliigaltee biyyoolessaa horachuuf hojjechaa akka jiru ni beekama.
Mariin biyyoolessaa kun nagaa waaraa mirkaneessuu, mootummaa cimaa ijaaruu, aadaa dimokiraasii horachuuf carraa guddaa kan kennu ta’uus ni amanama.