Itiyoophiyaan motora badhaadhina naannoo fi giddugala anniisaa haaromfamuu Afrikaati – Tajaajila Komunikeeshinii Mootummaa - ENA Afaan Oromoo
Itiyoophiyaan motora badhaadhina naannoo fi giddugala anniisaa haaromfamuu Afrikaati – Tajaajila Komunikeeshinii Mootummaa
Amajjii 24/2018(ENA) - Abjuu irraa gara dhugaatti; Itiyoophiyaan motora badhaadhina naannoo fi wiirtuu anniisaa haaromfamuu Afrikaa ta'uushee Tajaajilli Komunikeeshinii Mootummaa beeksise.
Ibsa tajaajilichi baaseen, "Itiyoophiyaan seenaa ishee keessatti boqonnaa haaraa fi ifa ta'e keessa jirti" jedheera.
Yaadonni gurguddaa kaleessa qofa abjootamaa turan har’a hojiitti jijjiiramuun fayyadamummaa lammiilee mirkaneessuu, ulfina biyyaa deebisuu, walitti dhufeenya naannoo cimsuu dhugaa mul’atu ta’uus ibseera.
Barreeffamni guutuun ibsa Tajaajila Komunikeeshinii Mootummaa akka itti aanu kanatti dhiyaateera:
"Abjuu irraa gara Dhugaatti; Itiyoophiyaa, Motora Badhaadhina Naannoo fi Giddugala Annisaa Haarawa Afrikaa!"
Tajaajila Komunikeeshinii FDRI
Amajjii 24/2018
Itiyoophiyaan seenaa ishee keessatti boqonnaa haaraa fi ifaa keessa jirti. Mul'ata gurguddaan kaleessa abjuu qofa ture har'a gara dhugaatti jijjiiramee, fayyadamummaa lammiilee mirkaneessuu, ulfina biyyaa deebisuun, walitti dhufeenya naannoo cimsee jira.
Pirojektoonni gurguddoon kaleessa hoggansa Ministira Muummee doktar Abiyyi Ahimadiin, bakka hoggantoonni naannichaa argamanitti eebbifaman, Itiyoophiyaan mallattoo badhaadhina Afrikaa ta'uuf abjuu ishee galmaan ga'uuf kutannoo cimaa qabdu kan agarsiisudha.
Guyyaan seena qabeessi kun Itiyoophiyaan gama tokkoon humna qilleensaa Ayishaa-2, kan birmadummaa anniisaa haaromfamuu ishee mirkaneessu, gama biraatiin ammoo Riizoortii Shabalee, kan damee turizimii fi duudhaalee aadaa keenyaa guddisu, akka qaama egeree Itiyoophiyaa beeksisuuf carraa ta’uu isaati.
Hojiileen kunniin yaadni Ida’amuu kan fide,abjuurraa gara dhugaatti kan ce’ame mallattoolee olka’insa Itiyoophiyaa fi misooma waloo biyyoota Afrikaa Bahaaf wabiidha.
Injifannoon guddaan har’a biyya keenya keessatti mul’achaa jiru piroojektoota xumuruun eebbisuu osoo hin taane, pirojektii jalqabuu fi xumuruun hojii keenya guyyaa guyyaa fi eenyummaa keenya ta’uu isaati.
Wanti caalaatti nama dinqisiisu saffisa, gahumsaa fi guddina biyyattiin pirojektii guddaa tokko irraa gara isa kaaniitti ce’aa jirtudha.
Itiyoophiyaan yeroo gabaabaa keessatti yaada gurguddaa abjuudhaan jiru gara hojiitti jijjiiruu, hoggansa of kennee fi ummata kutataa imala jijjiiramaa hunda cinaa dhaabbatu ta’uu ishee qabatamaan mirkaneessitee jirti.
Bu’aan guyyaa guyyaan argamu Itiyoophiyaan pirojektii walxaxaa fi bal’aa kamiyyuu qindeessuu fi bulchuu akka qabdu ragaadha.
Aadaa waan jalqabne xumuruu fi waan xumurre immoo dhaloota egereef akka hambaatti dabarsuu guddifachuun Itiyoophiyaa boruuf abdii guddaa argamsiiseera.
Eebba pirojektoota kana irratti hoggantoonni biyyoota naannoo keenyaa waliin ta’uun agamuun isaanii faayidaa olaanaa qaba.
Itiyoophiyaan piroojektoota misoomaa hojjettu hundinuu ishee irra darbee ollaa ishee kan fayyadu ta’uu fi naannicha walitti hidhuun waliin fayyadamoo ta’uu qabatamaan agarsiiftee jirti.
Ijaarsi anniisaa qilleensaa Ayishaa-2 koridarii qilleensaa olaanaa Afrikaa Bahaa irratti ijaaramuun isaa taatee seena qabeessa Itiyoophiyaan naannichatti wiirtuu anniisaa haaromfamuu danda’u ta’uuf taasiftu saffisiisudha.
Dhiyeessiin humnaa amanamaan kun industirii biyya keenyaa qofaaf osoo hin taane, biyyoota naannichaaf lafee dugdaa walitti dhufeenya dinagdeeti.
Bu’uuraaleen misoomaa dinagdee ammayyaa teknooloojiin geggeeffamuufi jijjiirama dijitaalaatiin deeggaramuuf barbaachisoo ta’an kun riqicha nagaa obbolummaa ummatootaa cimsu ta’ee tajaajila.
Itiyoophiyaan humna maddisiisuunii fi biyyoota ollaaf raabsuun gahee mootora diinagdee naannichaa ta’uun jecha qabatamaan abarsiisaa jirti.
Itiyoophiyaan anniisaa qulqulluu bishaan, bubbee fi hurka lafa keessaa irraa maddisiistuun, sadarkaa idil-addunyaatti adda durummaa misooma magariisaa ta’uu ishee mirkaneessaa dhufteetti.
Pirojektoonni kunneen nageenya anniisaa mirkaneessuu bira darbee haala Itiyoophiyaan imala addunyaa gaazii falamaa ittisuuf taasiftu keessatti gumaacha olaanaa taasiftedha. Haaluma walfakkaatuun, damee tuuriizimii kan guddisuu fi qaama sagantaa "Maaddiin Dhalootaaf" kan ta’e Riizoortiin Shabalee eebbifameera. Riizoortiin kun duudhaalee aadaa biyyattii ammayyummaa waliin kan walitti qabatee fi dandeettii Itiyoophiyaan humna tuuriizimii ishee gara bu’aa dinagdeetti jijjiiruuf qabdu kan agarsiisedha. Walumaa galatti naannoleen kaleessa nagaa dhabuun beekkaman har’a fakkeenya misoomaa ta’uun isaanii, nageenyi mootummaan ijaare utubaa misoomaa ta’uu mirkaneesseera.
Itiyoophiyaan kan abjoottu qofa otoo hin taane, abjuu ishee gara dhugaatti kan jijjiirtu, boonsituu Afrikaa taatee kan itti fuftu biyya kutannoo qabdudha.
Pirojektoonni kaleessa eebbifaman hambaa keenya boonsaa badhaadhina boruu mirkaneessudha.
Mootummaan Biyyoota naannichaa waliin badhaadhina waliiniif hojii isaa cimsee itti fufa.
Ummanni keenya jijjiirama seenaqabeessa kana sirritti hubachuun olka’iinsa biyya keenyaa mirkaneessuuf hojii guddaa akka hojjetu kakaasuun waamicha keenya ni dhiyeessina.
Itiyoophiyaan naannichatti duungoo badhaadhinaa; Afrikaatti wiirtuu anniisaa haaromfamuu taatee imala ishee itti fufti!
Uumaan Itiyoophiyaa fi Ummatashee haa eebbisu!
Tajaajila Komunikeeshinii Mootummaa FDRI
Amajjii 24/2018 Finfinnee,Itiyoophiyaa