Maraatoonii Dubaay Atileetonni Itiyoophiyaa Olaantummaa kan irratti gonfatan - ENA Afaan Oromoo
Maraatoonii Dubaay Atileetonni Itiyoophiyaa Olaantummaa kan irratti gonfatan
Amajjii 24/2018(ENA)- Maraatoonii Dubaay 25ffaa ganama har’aa gaggeeffameen atileetonni Itiyoophiyaa koorniyaa lamaaniinuu injifataniiru.
Dorgommii dhiirotaan Nibirat Malaak sa’aatii 2, daqiiqaa 4 fi sekondii 00’n tokkoffaa ba’eera.
Atileetiin Itiyoophiyaa kan biraa Yaasiin Hajii 2ffaa, lammiin Ruwaandaa Joon Hakizimaanaa immoo 3ffaa qabataniiru.
Dorgommii dubartootaatiin Anchiin’aaluu Daseen sa’aatii 2, daqiiqaa 18 fi sekondii 31’n injifatteetti.
Muliyyee Dhaqqaboo fi Fantuu Warquun 2ffaa fi 3ffaa bahaniiru.
Dorgommicha Atileetonni Itiyoophiyaa sadarkaa 1ffaa hanga 10ffaatti xumurani.
Atileetonni Itiyoophiyaa koorniyaa lamaan injifatan badhaasa walfakkaatu Doolaara Ameerikaa kuma 80 badhaafamaniiru.
Qindeessitootni dorgommichaa walumaa galatti maallaqa badhaasaaaf oole Doolaara Ameerikaa kuma 336 ol atileetotaaf badhasa kennuu ibsaniiru.
Maraatooniin Dubaay akka lakkoofsa warra Faranjootaa 1998tti kan eegalame yoo ta’u, dorgommii daandii irraa atileetiksii addunyaa warqeen badhaafameedha.