Milkaa’inoonni Misooma Itiyoophiyaa guddina dinagdee riijinii kan si’achiisanidha-Pirezidaantii Jibutii Ismaa’el Omaar Giilee - ENA Afaan Oromoo
Milkaa’inoonni Misooma Itiyoophiyaa guddina dinagdee riijinii kan si’achiisanidha-Pirezidaantii Jibutii Ismaa’el Omaar Giilee
Amajjii 23/2018(ENA)- Milkaa’inoonni Misooma Itiyoophiyaa guddina dinagdee riijinii kan si’achiisan ta’uu Pirezidaantiin Jibutii Ismaa’el Omaar Giilee ibsan.
Ministirri muummee doktar Abiyyi Ahimad pirezidaantiin Jibutii Ismaa’eel Omaar Giilee, pirezidaantiin Somaaliyaa Sheek Hasan Mahaammud bakka argamanitti Riizoortii Shabalee eebbisaniiru.
Wayita kana pirezidaantiin Jibutii Ismaa’el Omaar Giilee, Riizoortiin Shabalee walitti hidhaminsa turizimii riijinii kan cimsu bu’aa misoomaati jedhaniiru.
Riizoortiin Shabalee pirojektii misoomaa bakka hawataa dinqisiisaa misooma turizimii riijinii kan guddisu ta’uu dubbataniiru.
Pirojektichi walitti hidhamiinsa dinagdee caalaatti guddisuun faayidaa guddaa akka qabaatu dubbataniiru.
Ummanni naannoo Somaalees nagaasaa eeggatee bu’aaleen misoomaa fayyadama ummataa mirkaneessan akka dhufan gumaachi taasise kan jajamu ta’uu ibsaniiru.
Fuulduras dhalattoonni naannichaa biyya keessaa fi biyya alaa jiraatan fayyadama misoomaa Itiyoophiyaa fi biyyoota riijinichaa mirkaneessuuf tattaaffii taasifamu keessatti qoodasaanii bahachuu akka qaban hubachiisaniiru.