Tamsaasa Kallatti:

Galmoota imaammata qonnaa fi misooma baadiyyaatiin kaa’aman milkeessuuf hirmaannaan taassifame birmadummaan nyaataa akka mirkanaa’uuf bu’uura kaa’eera

Amajjii 23/2018(ENA)- Galmoota imaammata qonnaa fi misooma baadiyyaatiin kaa’aman milkeessuuf hirmaannaan taassifame birmadummaan nyaataa akka mirkanaa’uuf bu’uura kaa’uusaa ministirri qonnaa Addisuu Araggaan ibsan.

Gamaaggamni raawwii hojii baatii 6 ministeera qonnaa fi dhaabbilee itti waamamtootaa magaalaa Adaamaatti gaggeessaa jira.


 

Obbo Addisuu Araggaa waltajjicharratti akka ibsanitti, baatiiwwan ja’an darban damee Qonnaa ceesisuuf hojiiwwan hojjetaman bu’aa qabeessa turan.

Hojiiwwan dhiheessii galtee Qonnaa, Makaanaayizeeshinii Qonnaa, fooya’insa sanyii, eegumsaa fi kunuunsa qabeenya uumamaan hojjetamaniin bu’aan abdachiisaan galmaa’uu kaasaniiru.

Omishaa fi omishtummaa guddisuuf bittaan xa’oo biyyee raawwatamuu fi Qonnaan bulaaf raabsamaa jiraachuu eeruun, misooma Qamadii Boneen lafti hektaarri Miiliyoona 3 tuqaa7 sanyiin facaa’uu dubbataniiru.

Makaanayizeeshinii qonnaa babal’isuuf baatiiwwan ja’an darban dureeyyiin 147 lafa hektaaraa kuma 101 fudhatanii misoomsuu eegaluusaanii himaniiru.

Sanyii Beelladaa fooyyessuunii fi omishaa fi omishtummaa guddisuuf hojii hojjetameen bu’aan argamuu eeruun, walakkaa waggaatti cuuciin guyyaa tokkoo miiliyoona 70 raabsamuusaanii beeksisaniiru.


 

Dabalatanis, horiin gaafaa miiloyoona 2 tuqaa 6 diqalomsuu fi hojiin nam-tolcheen sanyii fooyyessuu hojjetamuu ibsaniiru.

Hojii misooma suluulaa, qaphii biqiltuu Ashaaraa magariisaa walitti hidhuun hojiin misooma eegumsa naannoon bu’aan boonsaan galmaa’aa jira jedhaniiru.

Bara baajatichaa baatiiwwan ja’an darbanitti Al-ergii Omisha qonnaarraa galiin doolarri biiliyoona 2 ol argamuu eeruun, argamsa sharafa Alaaf bunni sadarkaa olaanaa akka qabu dubbataniiru.

Imaammani qonnaa Yaadamoota ammaan dura hin turre kan qabate ta’uusaan bu’aan damichaan argamuuf qooda olaanaa bahateera jedhaniiru.

Hojiiwwan misooma Qonnaa bara baajatichaatti eegalaman caalaatti babal’isuunii fi omishaa fi omishtummaa guddisuun birmadummaa nyaataa mirkaneessuuf karoora qabame milkeessuuf hirmaannaan taasifamu cimee akka ittifufu ibsaniiru.

Ministira Qonnaatti Gorsaa olaanaan Hordoffii fi Gamaggamaa Tsahaayuu Gaarradaachoo gabaasa dhiheessaniin waggoottan shanaan darban omishtummaa damichaa guddisuuf hojii hojjetameen oomisha waggaa kuntaala biiliyoona 1 tuqaa 5 geessisuu danda’amuun hubachiisaniiru.

Qonnaan bultoonni fayyadamoo Ekisteenshinii qonnaa duraan turan miiliyoona 9 tuqaa 2 irraa gara miiliyoona 14 tuqaa 2tti guddachuusaa ibsaniiru.

Waltajjichaan raawwiin hojii baatii 6 bara bajataa 2018 naannoolee gamaggamaamaa jira.

#Ena Afaan Oromoo

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015