Magaalaan Finfinnee magaalaa Aadaan Sab-lammootaa keessatti ibsamuu fi Magaala fakkeenya waloomaa fi sab-daneessummaati - ENA Afaan Oromoo
Magaalaan Finfinnee magaalaa Aadaan Sab-lammootaa keessatti ibsamuu fi Magaala fakkeenya waloomaa fi sab-daneessummaati
Amajjii 23/2018(ENA)-Magaalaan Finfinnee magaalaa Aadaan Sab-lammootaa keessatti ibsamuu fi fakkeenya waloomaa fi Sab-daneessummaa ta’uushee Itti aanaa Kantiibaa fi hogganaan biiroo Misooma Industirii Jaanxiraar Abbay ibsaniru.
Biiroon Aadaa fi Og-Aartii Finfinnee mata duree “Finfinnee Moozaayikii Aadaa fi kalaqaa” jedhuun Festivaala Aadaa 17ffaa sadarkaa Magaalaatti Amajjii 23 hanga 25 bara 2018tti kabajamurratti haasaa baninsaa taasisaniiru.
Obbo Jaanxiraar Abbay wayita sana akka jedhanitti, Aadaan guddina biyya tokkoof bu’uuradha.
Magaalaan Finfinnee Aadaan sabaa, sabootaa fi ummattoota hundaa kan itti calaqqisu magaalaa fakkeenya waloomaa fi sabdaneessummaati jedhaniiru.
Hojiiwwan misoomaa magaalichatti hojjetamaa jiran Aadaa, Kalaqa, Og-Aartii fi Ispoortii giddu galeeffatanii akka misoomanii fi beekaman carraa gaarii kan uuman ta’uusaanii eeraniiru.
Guddina damichaaf Magaalittiin xiyyeeffannoo kennitee hojjechaa jiraachuu ibsuun bakkeewwan shaakala ispoortii hedduun, bakkeewwan bashannanaa guddina damee og-aartii qooda olaanaa qaban ijaaramuusaanii ibsaniiru.
Hoggantuun biiroo Aadaa fi og-Aartii Finfinnee Doktar Hiruut Kaasaawu Aadaa, duudhaa fi hambaalee adda addaa Finfinneetti argaman hawata Turizimii akka ta’aniif beeksisuuf tattaaffiin taassifamaa jira jedhaniiru.
Festivaalli Aadaa sadarkaa Magaalaa sonawwan aadaa keenyaa misoomsuunii fi beeksisuun sab-daneessuumaan keenya akka cimu gochuuf kan kaayyeffate ta’uu ibsaniiru.