Itti Aanaan Ministira Muummee Tamasgeen Xurunaa sirna kabajaa fi agarsiisa waldaa gugsii fardaa Agawoo 86ffaa irratti ni argamu - ENA Afaan Oromoo
Itti Aanaan Ministira Muummee Tamasgeen Xurunaa sirna kabajaa fi agarsiisa waldaa gugsii fardaa Agawoo 86ffaa irratti ni argamu
Amajjii23/2018(ENA)-Itti Aanaan Ministira Muummee Tamasgeen Xurunaa sirna kabaja Waldaa gugsii fardaa fi agarsiisaa Agawoo waggaa 86ffaarratti akka argaman ibsaniiru.
Itti Aanaan Ministira Muummee Tamasgeen Xurunaa ergaa fuula Miidiyaa Hawaasummaasaaniin dabrsaniiin biyya goototaa, gaarummaa, waloomaa fi ibsituu jaalalaa, lalistummaashee fi hunda omishuusheen kan beekamtu bulchiinsi Godina sab-Lammii Awwii Magaalaa guddoo Godinittii Ijibaaraa seenneerra jedhaniiru.
“Adiinaas” jechuun fuula ifaan kan nu simatan, keessummaa akka kennaa uumaatti kabajanii keessummeessuun aadaasaanii ganamaa fi jaalalasaanii qabatamaan kan nutti agarsiisan uummata Agawoo hundaaf galata onneerraa madden dhiheessaaf jedhaniiru dhaamsasaaniin .
Itti Aanaan Ministira Muummee Tamasgeen Xurunaa itti dabaluun jaalalaa fi kabaja nutti argisiistaniif kabaja guddaa isiniif qabna jechuun ibsaniiru.
Turtiisaaniin kabajaa fi faaya Itiyoophiyaa kan ta’e, seenaa Gootummaa Awwii , Aadaa fi gootummaa kan ragaa bahu sirna kabaja waldaa gugsii fardaa fi agarsiisaa Agawoo waggaa 86ffaarratti akka argaman eeraniiru.