Sagantaan Maaddii guutuu fayyadamummaa jiraattotaa guddisaa jira - ENA Afaan Oromoo
Sagantaan Maaddii guutuu fayyadamummaa jiraattotaa guddisaa jira
Amajjii 23/2018(ENA)- Sagantaa Maadii guutuutiin fayyadamummaan Diinagdeesaanii guddachuusaa hirmaatoonni Sagantichaa Magaalaa Amboo ibsan.
Jiraattota Magaalichaa ENA’f yaada kennan keessaa Massalaa Geetaachoo akka ibsanitti, misooma lukkuu lafa xiqqaarratti eegalaniin galiisaanii guddifachaa jiraachuu ibsaniiru.
Yeroo gabaabaa keessatti bu’aa qabeessa ta’uusaaniin killee gabaa naannoosaaniif dhiheessuun galii fooyya’aa argachaa kan jiran yoo ta’u, hojii misooma lukkuu cinaatti hojii misoomaa aannanii eegaluusaanii eeraniiru.
Yeroo ammaa lukkuuwwan kuma 2 irraa killee hanga kuma 1 fi 600 argachaa waan jiraniif ofirra darbanii namoota ja’aaf carraa hojii uumuusaanii ibsaniiru.
Misooma sa’a Aannaniin wabii nyaataasaanii Mirkaneessuurra darbee galiisaanii guddifachuu danda’uu kan ibsan immoo jiraataa magaalichaa Daani’eel Kabbadaati.
Kanaanis giddugaleessaan sa’a tokkorraa aannan liitira 22 argachuun Aannan gabaaf dhihessaa jiraachuu ibsaniiru.
Jiraataan Magaalichaa Wayyeessaa Luulessaa gamasaaniin, Misoomni Aannanii itti jiran fayyadamummaa Diinagdeesaanii guddisuusaa himaniiru.
Hojicha caalaa bu’aa qabeessa gochuuf waajjirri Qonna Magaalaa nageenya beeyladootaa eeguun akkasumas deeggarsawwan biroo taasisaafii akka jiru ibsaniiru.
Waajjira Qonnaa Magaalaa Ambootti Ogeessi Fooyya’insa sanyii Beeyladaa Caalaa Kitaabaa akka ibsanitti, Sagantaa Maaddii guutuun Magaalichatti wabii nyaataa mirkaneessuurra darbee lammiilee hedduuf madda galii ta’era.
Inisheetivoota Qonnaa Magaalichatti hojiirra oolan keessaa misooma Lukkuu fi sa’a Aannanii, furdisa Loonii fi hojiin horsiisa Booyyee namoota hedduuf carraa hojii uumuu danda’eera jedhaniiru.
Hojicha bu’aa qabeessa taasisuuf bakka hojii fi liqaa kennuurra darbee deeggarsa ogummaa taasisuu fi walitti hidhaminsi gabaa isaaniif mijachuu danda’uu ibsaniiru.