Riizoortiin Shabalee Itiyoophiyaa Afriikaarraa tuurizimiidhaan adda duree gochuuf waadaa galle qabatamaan kan mirkaneessedha-ministira muummee doktar Abiyyi Ahimad - ENA Afaan Oromoo
Riizoortiin Shabalee Itiyoophiyaa Afriikaarraa tuurizimiidhaan adda duree gochuuf waadaa galle qabatamaan kan mirkaneessedha-ministira muummee doktar Abiyyi Ahimad
Amajjii 23/2018 (ENA)- Riizoortiin Shabalee Itiyoophiyaa Afriikaarraa tuurizimiidhaan adda duree gochuuf waadaa galle qabatamaan kan mirkaneesse kutaa bahaa biyya keenyaarraa bakka guddaadha jedhan ministirri muummee doktar Abiyyi Ahimad.
Pirojektoota ijoowwan ‘maaddii dhalootaaf’ jedhaman keessaa kan lammaffaa kan ta’e riizoortiin Shabalee lafa heektaara 385 irratti hojjetamee xumuramuun eebbifamee tajaajilaaf qaqqabuusaa ministirri muummee doktar Abiyyi Ahimad ergaa fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin ibsaniiru.
Riizoortiin kun bakka bashannanaa qofa osoo hin taane, ogummaa ijaarsa gamoo ammayyaa duudhaa fi aadaa naannoo Somaalee waliin walitti qindeessee kan qabate galmee seenaati jedhaniiru.
Pirojektiin kun Itiyoophiyaa Afriikaarraa tuurizimiidhaan adda duree gochuuf waadaa galle qabatamaan kan mirkaneesse kutaa bahaa biyya keenyaarraa bakka guddaadha jechuun ibsaniiru.
Kennaan uumamaa fi hawataa guddaan naannichatti argamu duudhaa ida’amuu fi tumsaan misoomatti yemmuu jijjiiramu, Itiyoophiyaan biyya abjoottu qofa osoo hin taane abjuushee gara qabatamaatti kan jijjiirtuu fi kan jiraattu qabatamaan agarsiisuusaa dubbataniiru.