Lammiileen Itiyoophiyaa Biyya Alaa jiraatan milkaa’ina Ajandaa marii Biyyoolessaa walitti qabuu fi hirmaattota adda baasuun qooda olaanaa bahaniiru - ENA Afaan Oromoo
Lammiileen Itiyoophiyaa Biyya Alaa jiraatan milkaa’ina Ajandaa marii Biyyoolessaa walitti qabuu fi hirmaattota adda baasuun qooda olaanaa bahaniiru
Amajjii 22/2018(ENA)- Itiyoophiyaanotaa fi dhalattoota Itiyoophiyaa biyya alaa jiraatan milkaa’ina Marii biyyaalessaaf Ajandaa walitti qabuu fi hirmaattoota adda baasuun qooda olaanaa gumaachuusaanii Tajaajilli Diyaasporaa Itiyoophiyaa ibse.
Mariin biyyaalessaa Itiyoophiyaa dhaloota dhufuuf biyya fooyyofte dabarsuun injifannoo Adawaa 2ffaa gonfachuuf carraa murteessaa ta’uu Yunaayitid Kingideemitti hawaasni tokkummaa Itiyoophiyaa Berningihaam ibsan.
Mariin biyyaalessaa Itiyoophiyaa Naannooleetti, Bulchiinsota magaalaa lamaanitti fi lammiilee biyya alaa jiraatan irraa Ajandaa walitti qabaa fi hirmaattota adda baasaa turuunsaa ni yaadatama.
Waltajjiin marii ajandaa walitti qabuu fi hirmaattota adda baasuu Lammiilee Itiyoophiyaa biyyoota alaa Afriikaa Kibbaa, Amerikaa kaabaa, Kanaadaa, Imireetota Araboota Gamtoomanii, Siwiidinii fi Ingiliz jiraataniif qophaa’e milkaa’inaan gaggeeffameera.
Hirmaattonni waltajjichaa Ajandaawwan dhimma biyyaaratti qaban adda baasuun komishinichaaf kennuun bakka bu’oota isaanii filataniiru.
Daarektarri Olaanaan Tajaajila Diyaasporaa Itiyoophiyaa Ambaasaaddar Fitsum Araggaa ENA’f akka ibsanitti, lammiileen biyya alaa jiraatan misooma biyyasaaniif hirmaannaa cimaa taasisuun adeemsa marii biyyaalessaaf shoora olaanaa bahaa jiru.
Biyyoota Addunyaa adda addaarratti waltajjii marii ajandaa walitti qabuu fi hirmaattota adda baasuu gaggeeffameen hawaasni diyaasporaa hedduun qoodasaanii bahuusaanii ibsaniiru.
Biyyoonni adda addaa wal dhabdee siyaasaa isaan mudate marii biyyaalessaan furmaata kennuun guddina saffisiisuun mootummaa cimaa ijaarrachuusaaniii ibsaniiru.
Itiyoophiyaa tokkummaa sab-daneessummaan faayamtee ijaarsa mootummaa cimaaf oolchuuf marii biyyaalessaatiin walii gatee biyyaalessa cimsuun barbaachisaa ta’uu ibsaniiru.
Waltajjiin Marii ajandaa walitti qabuu fi hirmaattota adda baasuu Yunaayitid Kingidamitti gaggeeffame yaadota murteessoo biyyaaf barbaachisan kaasuusaanii ibsaniiru.
Waltajicharrattis yaadota ijaarsa mootummaa cimaa Itiyoophiyaaf barbaachisan kaasuun hirmaannaa cimaa gaggeessuusanii ibsaniiru.
Mariin biyyaalessaa Itiyoophiyaanonni waldhabdee karaa qaroomeen mariin furmaata kennuun injifannoo Adwaa 2ffaa dabaluuf carraa murteessaa ta’uu dubbataniiru.
Gara fuula duraattis carraa marii biyyaalessaa argame sirnaan fayyadamuun guddina biyyaa fi ijaarsa biyyaalessaaf fayyadamuuf tumsan akka hojjetan hubachiisaniiru.