Guddina Dinagdee Damdaneessa Itiyoophiyaan hordofaa jirturratti dameen Tuurizimii shoorasaa bahaa jira - ENA Afaan Oromoo
Guddina Dinagdee Damdaneessa Itiyoophiyaan hordofaa jirturratti dameen Tuurizimii shoorasaa bahaa jira
Amajjii 22/2018(ENA)- Kennaawwan Tuurizimii Naannicha jiran adda baasuun misoomsuu, beeksisuu fi hojiirra oolchuun, mootummaan ida’amuu damee Tuurizimii guddisuuf adeemsa hordofaa jiru keessaa isa olaanaa ta’uun ibsame.
Hoggantuun Biiroo Aadaa fi Turiizimii Oromiyaa Jamiilaa simbiruu turtii ENA waliin taasisaniin, Utubaalee Diinagdee shanan Itiyoophiyaan xiyyeeffannoo itti kennitee hojjechaa jirtu keessaa tokko Tuurizimii ta’uu kaasaniiru.
Kana ka’umsa gochuun Ikkoo turizimii fi bakkeewwan Hawata Tuurizimii Naannichaa hojiiwwan adda baasuu, beeksisuu fi gara Faayidaa Diinagdeetti jijjiiruu hojjetamaa jira jedhaniiru.
Qabeenya Tuurizimii dilbii naannichi qabu keessaa Godina Harargee Bahaa fi Magaalaa Maayaa, bakka Dawoo Arbaa Baabbilee, Dhagaan boca addaa Baabbilee,, holqawwanii fi bu’aawwan albuudaa kan eeramanidha.
Qabeenya Tuurizimii Naannicha jiru Misoomsuuf Mootummaarra darbee Hirmaannaan damee dhuunfaa murteessaa ta’uu ibsaniiru.
Kanaanis dameen dhunfaa qabeenya Dilbii naannicha jiru misoomsuun guddina damee Tuurizimiif qoodasaanii akka bahan waamicha dhiheessaniiru.
Bulchaan Godina Harargee bahaa Miskii Mahaammad gamasaaniin, Godinichi bakkeewwan hawata Turizimii hedduu qabaachuusaa fi qabeenya kana misoomsuu, kunuunsuu fi hojiin beeksisuu xiyyeeffannoon hojjetamaa jira jedhaniiru.
Mata duree “Aanaa tokkotti gidduugala Tuurizimii tokko” misoomsuu jedhuun qabeenya Tuurizimii misoomsuuf Inisheetiviin eegalaman bu’aa argamsiisaa jira jedhaniiru.
Aanaan Baabbilee Qabeenya tuurizimii kanneen akka Arbootaa, Dhagaan boca addaa Baabbilee, Albuudawwanii fi bakka argama misooma Loozii ta’uushee Kantiibaan Magaalichaa Ahimadnajaash Abduramaan ibsaniiru.
Qabeenya kana gara Diinagdeetti jijjiiruuf hojiin sirnaan misoomsuu fi Beeksisuu eegalaman cimanii kan itti fufan ta’uu fi daawwattoonni Biyya Alaa bakka hawata Tuurizimii kana akka daawwatan waamicha dhiheessaniiru.