Agarsiisni Daldala Idil Addunyaa Itiyoo-Chaamber 15ffaan magaalaa Finfinneetti ni gaggeeffama - ENA Afaan Oromoo
Agarsiisni Daldala Idil Addunyaa Itiyoo-Chaamber 15ffaan magaalaa Finfinneetti ni gaggeeffama
Amajji 22/2018(ENA) -Agarsiisni Daldala Idil-addunyaa Itiyoo-Chaamber 15ffaan oomishaalee biyya keessaa sadarkaa idil-addunyaatti beeksisuu fi walitti hidhaminsa gabaa cimsuuf kaayyeffate magaalaa Finfinneetti ni gaggeeffama.
Agarsiisni daldala idil-addunyaa kun Amajjii 27 hanga Guraandhala 1, 2018tti, magaalaa Finfinnee addabaabayii Masqalaatti akka gaggeeffamus ibsameera.
Manni Maree Waldaalee Damee Daldalaa Itiyoophiyaa fi Ministeerri Daldalaa fi Walitti hidhaminsa Naannawaa ibsa waloo kennaniiru. Agarsiisa daldalaa kanarratti dhaabbileen biyya keessaa fi alaa 300 ol akka hirmaatan barreessaan olaanaa Mana Marichaa doktar Qananiisaa Lammii ibsaniiru.
Agarsiisa daldalaa Magaalaa Finfinnee Addabaabayii Masqalaatti gaggeeffamu irrattis dhaabbileen idil addunyaa shantama biyyoota 20 ol irraa akka hirmaatan beeksisaniiru.
Sagantaan kun oomisha beeksisuu qofa osoo hin taane dhaabbilee gidduutti muuxannoo waljijjiirraa fi ce’umsa teeknooloojiif carraa mijataa kan uumu ta’uus hubachiisaniiru.
Akka hojii raawwachiisaan Daldala Biyya Keessaa Ministeerichaa Liquu Banabbaruu ibsanitti agarsiisni kun oomishaaleen Itiyoophiyaa gabaa idil-addunyaa irratti dorgomaa akka ta’an kan jajjabeessu dha.
Yeroo Itiyoophiyaan miseensa Dhaabbata Daldala Addunyaa ta'uuf carraaqqii gochaa jirtu kanatti waltajjiiwwan akkanaa oomisha biyyattii beeksisuu fi ilaalcha isheen idil addunyaatti qabduuf gumaacha olaanaa taasisuu akka danda’u ibsaniiru.
Dabalataan agarsiisni daldalaa kun sochii daldalaa biyyattii dadammaksuu fi invastimantii biyya alaa haaraa hawwachuu keessatti gahee olaanaa akka qabus akeekaniiru.