Tamsaasa Kallatti:

Kutaan Hawaasaa hundi Filannoo biyyaalessaaf hirmaannaa cimaa akka taasisu hojjetamaa jira

Amajjii 22/2018(ENA)-Filannoo Biyyoolessaa torbaffaarratti Kutaan Hawaasaa hundi hirmaannaa cimaa akka taasisu hojjetamaa jiraachuu kutaan Hawaasa Siivikii adda addaa beeksisan.

Hojii gaggeessaa Olaanaan Waldaan Qaama Miidhamtootaa Ogeeyyii seeraa Itiyoophiyaa Musee Xilahuun akka ibsanitti, adeemsa Filannoo keessatti sirna Dimokiraasii ijaaruuf Qaama miidhamtoota dabalatee hirmaannaan kutaan hawaasaa hundaa murteessaadha.

Haaluma Kanaan filannoo biyyoolessaa 7ffaa qooda fudhattoota waliin qindaa’uun hirmaannaa ho’aa akka qabaataniif hojjetamaa jiraachuu ENA’f ibsaniiru.

Pirezidaantiin Waldaa Dubartoota Magaalaa Finfinnee Innaataalam Indaalaa, Filannoo biyyaalessaa bara kanaa gurmaa’insa sirna Dimokiraasii dagaagsan uumuun hirmaannaa cimaa dubartootaa mirkaneessuuf hojiin hubannaa uumuu hojjetamaa jiraachuu mirkaneessaniiru.


 

Kanaanis Miseensonni waldichaa kuma 2 ol ta’an filannicha taajjaabuuf galmaa’uun itti gaafatamummaasanii bahuuf qophaa’uusaanii eeraniiru.

Gara fuuladuraattis yaada filmaataa paartiileen siyaasaa dhiheessanii fi qooda dubartoonni filannoo biyyaalessaaf qabaatan cimsuuf leenjiin akka mijeeffamu dubbataniiru.

Paarsiileen Siyaasaa Sagantaasaaniin dargaggootaaf xiyyeeffannoo akka kennaniif Pirezidaantiin Waldaa Dargaggootaa Magaalaa Finfinnee Barakat Birbirsaa ibsaniiru.


 

Waldichi filannichi hirmaannaa dargaggootaa guddisuuf sagantaa barnootaa fi leenjii adda addaan hojii hubannaa uumuu hojjechaa jira jedhaniiru.

Boordiin filannoo Biyyoolessaa Itiyoophiyaa filannoon biyyoolessaa 7ffaa Caamsaa 24 bara 2018 gaggeessuuf sagantaa baasee hojjechaa jiraachuunsaa ni beekama

 

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015