Tamsaasa Kallatti:

Naannoo Oromiyaatti walakkaa bara baajataa kana keessa jiraattonni kuma 375 bishaan dhugaatii qulqulluu fayyadamoo ta’aniiru.

Amajji 22/2018(ENA) - Naannoo Oromiyaatti walakkaa bara baajataa kana keessa jiraattonni kuma 375 bishaan dhugaatii qulqulluu fayyadamoo ta’uusaanii Biiroon Bishaanii fi Inarjii Oromiyaa ibse.

Itti aanaan itti gaafatamaa Biiroo Bishaanii fi Inarjii Oromiyaa obbo Araarsoo Abdullaaxiif ENAtti akka himanitti biiroon kun hojiiwwan dhiyeessii bishaan dhugaatii qulqulluu akka dabalu taasiseera.

Walakkaa bara baajataa kana keessa jiraattonni kuma 375 bishaan dhugaatii qulqulluu fayyadamoo ta’uu ibsaniiru.

Keessumaa ijaarsi dhaabbilee bishaan dhugaatii yeroo fi bajata qabameefiin akka xumuramaniif hojiiwwan hojjetameen walakkaa waggaa kanaa keessatti pirojektoonni 670 xumuramuu eeraniiru.

Kana cinatti waajjirichi bulchiinsa qabeenya bishaanii, qulqullina naannoo fi dhiyeessii anniisaa cimsuu irratti xiyyeeffatee hojjechaa turuu ibsaniiru.

Magaalota naannichaa torba keessatti ijaarsi pirojektoota dhagala’aa xuraa’aa dhabamsiisuu gaggeeffamaa jiraachuu eeruun, ijaarsi baay’ee isaaniis dhibbeentaa 80 ol xumuramuu himaniiru.

Gara fuula duraatti ijaarsa dhaabbilee bishaan dhugaatii qulqulluu ijaaramaa jiran saffisaan xumuruun hojiin dhiyeessii bishaan dhugaatii qulqulluu guddisuu xiyyeeffannoo guddaadhaan kan raawwatamu ta’uu ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015