Naannoo Oromiyaatti bara kana buna qulqullina qabu toonii kuma 21 ol gabaa giddugalaaf dhiyaateera - ENA Afaan Oromoo
Naannoo Oromiyaatti bara kana buna qulqullina qabu toonii kuma 21 ol gabaa giddugalaaf dhiyaateera
Ammajjii 22/2018(ENA)- Naannoo Oromiyaatti bara kana buna qulqullina qabu toonii kuma 21 ol gabaa giddugalaaf akka dhiyaate biiroon daldala Oromiyaa ibse.
Biiroo Daldalaa Oromiyaatti Daarektarri Gabaa Daldala Bunaa, Shaayii fi Mi’eessituu Obbo Addaamuu Bantii turtii ENA wajjiin taasisaniin akka jedhanitti, ga’een bunni sharafa alaa argamsiisuu fi guddina dinagdee biyyaa keessatti bahachaa jiru olaanaa waan ta’eef oomishuu irraa hanga gabaa giddugalaaf dhiyaatutti xiyyeeffannoon hojjetamaa jira.
Buna quluqullinaanii fi baay’inaan gabaaf dhiyeessuuf bittaa bunaa fi warshaalee miicanii fi kanneen biroon ciminaan hojjetamaa turuu himaniiru.
Oromiyaa keessatti Oomishtoota bunaa miiliyoona 2 tuqaa 2 olii fi dhiyeessitoota uma 3 fi 860 jiraachuu himanii, warshaaleen ququllina bunaa eegan kuma 2 ol jiraachuu himan.
Bara darbe Buna diimaa fi janfala toonii miliyoona 1 tuqaa 2 gabaaf dhiyeessuuf akka bitame eeranii, bara kana ammoo toonii miliyoona 1tuqaa7 bituuf karoorfamee hanga ammaatti bunni toonii kuma 600 bitamuu himaniiru.
Kanaanis bara bajataa kana baatiiwwan ja’an darban buna qulqullina qabu toonii kuma 21 fi 107 gabaa giddugalaaf akka dhiyaate obbo Addaamuun beeksisaniiru.
Naannichatti qulqullina bunaa eegsisuuf hojiiwwan bal’aan hojjetamaa akka jiru himaniiru.
Naannoo Oromiyaatti Kanaan dura kan turre bara kana qulqullina bunaa eegsisuuf giddugala sadarkaa qulqullina bunaa baasuu danda’u godinaalee Jimmaa, Buunnoo Beddellee ,Ilubbaaboor, Qellemii fi Walagga Lixaa, Gujii Bahaa, Gujii fi Dodolaatti ijaarsi isaanii xumuramee hojiitti galeera jedha.
Giddu galli kunneen sadarkaa bunaa baasuu, yeroo fi baasii qusachuu kan dandeessisu yoo ta’u, walii galaan qulqullina bunaa eegsisuuf ga’ee olaanaa qaba jedhan.
Damee kana jajjabeessuun qonnaan bultoota kanarratti hirmaatan oomisha bunaa isaanii kallattiin gabaatti dhiyeeffachuu akka danda’an qindoominaan hojjetamaa jiras jjedhaniiru.
Akkasumas abbootii qabeenyaa fi qonnaan bultoota oomisha bunaarratti bobba’an waliin qindaa’anii haala itti hojjechuu danda’an mijeessuuf qaamolee ilaallatan wajjin hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.
Kanaanis oomishaa fi oomishtummaa dabaluu, galii Sharafa alaa dabaluun dinagdee biyyaa guddisuu, wabii nyaataa mirkaneeffachuu fi hirkattummaa jalaa bahu fi carraa hojii uumuuf kaayyeffannee hojjechaa jirra jedhan.