Itiyoophiyaan anniisaa haaromfamu maddisiisuunii fi walitti hidhamiinsa anniisaa naannootiin guddina qabatamaa agarsiisaa jirti - Ministira Ahimad Shidee - ENA Afaan Oromoo
Itiyoophiyaan anniisaa haaromfamu maddisiisuunii fi walitti hidhamiinsa anniisaa naannootiin guddina qabatamaa agarsiisaa jirti - Ministira Ahimad Shidee
Amajjii 21/2018(ENA) - Itiyoophiyaan anniisaa haaromfamuu maddisiisuunii fi walitti hidhamiinsa anniisaa naannootiin guddina qabatamaa agarsiisaa jirti jedhan Ministirri Maallaqaa Ahimad Shidee.
Michoonni misoomaa Hidhi Guddicha Haaromsa Itiyoophiyaa walitti hidhaminsa naannawaatiif bu’aa olaanaa qabaachuus dinqisiifataniiru.
Yaa’iin Inisheetiivii Gaanfa Afrikaa 27ffaan Somaaliyaa Moqaadishootti kan gaggeeffame yoo ta’u, walga’icharratti Ministirri Maallaqaa Ahimad Shideen hirmaataniiru.
Walgahii kanarratti ministeeronni maallaqaa biyyoota miseensa Inisheetiivichaa fi qondaaltonni olaanoo michoota misoomaa hirmaataniiru.
Ministiroonni Maallaqaa bu’uuraalee daddabarsa humnaa fi pirojektoota walitti hidhamiinsa anniisaa naannoof faayinaansii dabaluudhaan dhiyeessii anniisaa amanamaa fi gatii madaalawaa ta’e mirkaneessuun danda’amu irratti mari’ataniiru.
Hojiirra oolmaa qabxiilee ajandaa marii kanaan dura faayinaansii anniisaa fi walitti hidhamiinsa naannoo irratti taasifame gamaaggamaniiru.
Ministirri Maallaqaa Ahimad Shidee faayidaa walitti hidhamiinsi anniisaa misoomaa fi tasgabbii naannichaaf qabu ibsaniiru.
Hojiirra oolmaan inisheetivii jalqabbii "National Energy Compact" kan bara 2030tti Itiyoophiyaatti anniisaa gatii madaalawaa, amanamaa, fi itti fufiinsa qabu dhiyeessuuf kaayyeffate doolaara biiliyoona sagal ol kan barbaadu ta'uu fi kunis kan argamu filmaatawwan faayinaansii adda addaa irraa ta'uu akeekaniiru.
Michoonni misoomaa sagantaa “Mission 300” jedhamu kan Baankii Addunyaa fi michoota birootiin deeggaramuu fi bara 2030tti Afrikaanota miiliyoona 300 ta’aniif anniisaa amanamaa ta’e dhiyeessuuf kan kaayyeffate ta’een qaqqabummaa anniisaa deeggaruun akka itti fufan ibsaniiru.
Itiyoophiyaan sarara humna elektiriikaa Sudaan, Jibuutii fi Keeniyaa waliin qabduun dabalatatti, sararoota haaraa Somaaliyaa fi Sudaan Kibbaa waliin ijaaramuuf deeggarsa maallaqaa akka taasisan beeksisaniiru.
Ministiroonni faayinaansii kunniin walitti hidhamiinsa anniisaa naannolee saffisiisuuf koree sadarkaa olaanaa hundeessuuf waliigalaniiru.
Marii kanaan dabalatatti Ministirri Maallaqaa Ahimad Shideen Pireesidaantii Somaaliyaa Hasan Sheek Mahaammud waliin mari’achuu odeeffannoon Ministirri Maallaqaa ENA’f erge ni mul’isa.