Itiyoo-Teeleekoom ji'oottan jahan darbaniitti galii birrii biiliyoona 85 argate. - ENA Afaan Oromoo
Itiyoo-Teeleekoom ji'oottan jahan darbaniitti galii birrii biiliyoona 85 argate.
Amajjii 21/ 2018 (ENA) - Itiyoo-Teeleekoom ji'oottan jahan darbaniitti galii birrii biiliyoona 85 argachuu isaa Hojii Raawwachiistuu Olaantuun Itiyoo Teeleekoom Fireehiwoot Taammiruu ibsan.
Fireehiwoot Taammiruu gabaasa raawwii baatiwwan jahan darbanii dhaabbaticha bara 2018 ilaalchisuun miidiyaaleef ibsa kennaniiru.
Dhaqqabummaa teeknooloojii fi hammattummaa dijitaalaa irratti xiyyeeffachuun bu’aa gaarii argachuu eeruun, lakkoofsi maamiltootaa miiliyoona 87 gahuu beeksisan.
Ji’oota jahan darban keessatti tajaajilli neetworkii 4G magaalota dabalataa 133’f akka dhiyaatu gochuun magaalonni tajaajila neetworkii 4G qaban 1,069 gaheera jedhan.
Dhaabbatichi qulqullina neetworkii fi uwwisa isaa guddisuuf hojii hojjeteen dhaabbata neetwoorkii moobaayilaa haaraa 278 ijaaree tajaajilaaf dhiyeessuu isaas hubachiisaniiru. Kanneen keessaa 130 naannoo baadiyaatti kan ijaaraman ta’uu ibsaniiru.
Kanaanis aanaaleen 102 fi gandoonni 332 walitti hidhamiinsa haaraa irraa fayyadamoo ta’uu danda’aniiru jedhan. Kunis kaayyoo dhaabbatichi baadiyyaa biyyattii teeknooloojiin walqunnamsiisuuf qabu kan agarsiisu ta’uu eeraniiru.
Dabalataanis hojiin babal’ina faayibaraa saffisaa fi qulqullina intarneetii fooyyessanii (Backbone Fiber Expansion) kan jedhamu bal’inaan raawwatamuu ibsa isaanii keessatti eeraniiru.
Itiyoo Teeleekoom Diijitaal Itiyoophiyaa dhugoomsuuf hojiilee hedduu hojjechaa akka jirus dubbataniiru.
Keessattuu daddabarsa maallaqa diijitaalaa saffisiisuun Teelee Birriin bu’aa qabatamaa galmeessuu dubbataniiru.
Faayinaansii diijitaalaa cimsuun tajaajila ammayyaa safffisaa fi hirmaachisaa ta’e kennuuf hojjetamuu eeraniiru.
Wayita ammaa maamiltonni Teelee Birrii miiliyoona 58.6 qaqqabuu eeruun, baatiiwwan jahan darban qofa Teelee Birriin daddabarsi maallaqaa birrii tiiriliyoonni 1.94 raawwatamuu ibsaniiru.
Maallaqni doolaara miiliyoona 16 karaa Teeleebirrii gara biyyaatti akka seenes beeksisaniiru.
Dhaabbatichi ji’oota jahan darbanitti galii birrii biiliyoona 85 kan argamsiise yoo ta’u, bara darbe yeroo walfakkaatuun walbira qabamee yoo ilaalamu dhibbeentaa 37’n caaluu isaa beeksisaniiru.