Hirmaattota Yaa’ii Gamtaa Afrikaa 39ffaaf Kuufama (paakeejii) turizimii addaa qopheessuun tajaajila kennuuf qophiin taasifameera - ENA Afaan Oromoo
Hirmaattota Yaa’ii Gamtaa Afrikaa 39ffaaf Kuufama (paakeejii) turizimii addaa qopheessuun tajaajila kennuuf qophiin taasifameera
Amajjii 21/2018(ENA) - Hirmaattota Yaa’ii Gamtaa Afrikaa 39ffaaf paakeejii turizimii addaa qopheessuun tajaajila kennuuf qophaa’uu isaanii dhaabbileen daawwachiiftotaa fi ogeessonni ibsan.
Walgahiin hoggantoota Gamtaa Afrikaa waggaa waggaan qophaa’u keessummoonni walgahii irratti hirmaatan magaalaa Finfinnee daawwachuu qofa osoo hin taane, ilaalcha biyyattiif qabaniifis gumaacha guddaa akka qabus ogeeyyiin turizimii ibsaniiru.
Itti aanaan pirezdaantii Dhaabbata Waldaa Daaawwachiiftota Taallaaquu Itiyoophiyaa Inquu Mulugeetaa ENAtti akka himanitti, Itiyoophiyaan damee turizimiif xiyyeeffannoo kennitee hojjechuunshee guddinni turizimii konfiraansii akka baay’atu taasiseera.
Biyyattiitti konfiraansiin idil addunyaa hedduun qophaa’uunsaa ijaarsa bifa biyyaa fi qabeenya turizimii Itiyoophiyaa beeksisuuf carraa olaanaa kan uume ta’uu ibsaniiru.
Abbaan qabeenyaa fi hojii gaggeessaan dhaabbata Moonpeey Tuur Yaareed Mulugeetaa gama isaaniin, bakka bu’oonni yaa’ii Gamtaa Afrikaa irratti hirmaachuuf dhufan Itiyoophiyaa keessumaa magaalaa guddoo ishee beeksisuuf gumaacha olaanaa qabaata jedhaniiru.
Ogeessi turizimii fi gorsaan turizimii fi daldalaa obbo Ashannaafii Kaasaa Yaa’iin Gamtaa Afrikaa guddina diinagdee fi damee turizimii biyyattiif carraa guddaa kan fidu ta’uu ibsaniiru.
Itiyoophiyaan biyyoota hawwata turizimii qaban keessaa tokko ta’uu eeruun, bayyattiitti misoomni bakkeewwan hawata turizimii hojjetamaniin tajaajilli kenninsaa fooyya’uu dubbataniiru.
Misoomni bakkeewwan turizimii daawwattoonni biyyattii iddoowwan haaraa akka daawwatan carraa akka uume eeruun, oomishni turizimii daawwattoota konfiraansiif dhufan tilmaama keessa galchuun qophaa’uu ibsaniiru.
Yaa'iin Gamtaa Afrikaa 39ffaan bara kanaa mata duree "Dhiyeessii Bishaanii Itti Fufiinsa Qabuu fi Sirna Qulqullina Nageenyummaansaa eegame Mirkaneessuun; Galmoota Ajandaa 2063 Galmaan Gahuu" jedhuun Guraandhala 7-8 bara 2018 Finfinneetti gaggeeffama.