Milkaa’ina Marii biyyoolessaaf qooda keenya ni baana – Hawaasa Siivikii - ENA Afaan Oromoo
Milkaa’ina Marii biyyoolessaaf qooda keenya ni baana – Hawaasa Siivikii
Amajjii 21/2018 (ENA)- Milkaa’ina marii biyyaalessaaf qoodasaanii akka bahan Hawaasni Siivikii Naannoo Somaalee ibsan.
Pirezidaantiin Mana maree Dargaggootaa naannichaa Mahaammad Ahimad akka ibsanitti, Mariin biyyaalessaa rakkoolee turan mariin furuurra darbee ijaarsa mootummaaf galteewwan barbaachisan kan itti argamanidha jedhaniiru.
Daragaaggoonni Marii biyyaalessaa keessatti Hirmaannaa taasisaa jiran cimsuudhaan hojiiwwan fooya’aa hojjechuuf qophaa’uusaanii ibsaniiru.
Mariin biyyaalessaa Dargaggoonni wal-dhabdeewwan karaa nagaan furuuf taasifamu akka aadeffatan gochuurratti qooda olaanaa akka qabu ibsaniiru.
Rakkoowwan mariin furuuf hojiiwwan hojjetamaa jiranii fi qophiiwwan taasifamaa Jiran Itiyoophiyaa badhaate ijaaruuf qooda olaanaa qabaata jechuun hoggantuun waldaa Dubartootaa naannichaa Ni’iim Abdullaahii ibsaniiru.
Komishinichi mariin xumura waliigalaa akka taasifamuuf hojiiwwan hojjechaa jiru milkaa’aa akka ta’uuf deeggarsi hunda galeessi lammiilee barbaachisaa ta’uu hubachiisaniiru.
Marichi bu’aa karoorfameef akka fiduuf akka hawaasa siivikiitti qoodasaanii akka bahan namooni ENA’f yaadasaanii kennan mirkaneessaniiru