Magaalaa shaggaritti Pirojektoonni Misoomaa Fayyadamummaa hawaasummaa fi Dinagdee lammiilee Mirkaneessan ijaaramaniiru - ENA Afaan Oromoo
Magaalaa shaggaritti Pirojektoonni Misoomaa Fayyadamummaa hawaasummaa fi Dinagdee lammiilee Mirkaneessan ijaaramaniiru
Amajjii 21/2018(ENA)-Magaalaa Shaggaritti Pirojektoonni Misoomaa Fayyadamummaa Hawaasummaa fi Diinagdee Lammiilee Mirkaneessan ijaaramuusaanii Kantiibaan Bulchiinsa Magaalichaa Doktar Tashoomaa Addunyaa ibsan.
Bulchiinsi Magaalaa Shaggar jireenya Lammiilee Misoomaaf buqqa’anii fooyyessuun fayyadamummaa Hawaasummaa fi Dinagdee ummatichaa mirkaneessan suuqiiwwan daldalaa kuma tokko ijaaruun qonnaan bultootaaf dabarsuun kenneera.
Kantiibaan Magaalichaa Doktar Tashoomaa Addunyaa Magaalichatti Yaadama Magaalummaa kan saffisiisan pirojektoonni Misoomaa bu’aa qabeessa ta’an ijaaramaa jiraachuu ibsaniiru.
Ammayyummaa Magaalittii eeguuf hojiiwwan misoomaa hojjetamanis fayyadamummaa Hawaasummaa fi Dinagdee lammiilee mirkaneessuun bu’aa argamsiisaa jiraachuu dubbataniiru.
Suuqiiwwan daldalaas Magaalittii miidhagsuu fi Ammayyeessuun Qonnaan bultoonni Carraa madda galii dhaabbataa argatan Uumuun Faayidaan Hawaasummaa fi Dinagdee akka isaniif qabu ibsaniiru.
Suuqiiwwan daldalaa qonnaan bultootaaf dabarfamee kenname carraa hojii uumuu fi fayyadamummaa Misooma haqa qabeessa kan mirkaneessan ta’uu hubachiisaniiru.
Gara fuulduraattis hojiileen misoomaa fayyadamummaa Hawaasummaa fi dinagdee Qonnaan bultootaa Mirkaneessan cimanii akka itti fufan mirkaneessaniiru.
Sadarkaa Itti Aanaa Kantiibaatti Qindeessaan Damee bulchiinsaa fi tajaajilaa Gugsaa Dajanee gamasaaniin hojiin daldalaa fi Invastimantii saffisiisan hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.
Suuqiiwwan daldalaa dabarfamanii kennaman qaama birootiif dabarsuun kennuun akka hin danda’amne hubachiisaniir