Carraalee dinagdee fi daldalaa bal’isuudhaan Afriikaa badhaate ijaaruuf tumsaan ni hojjenna - ENA Afaan Oromoo
Carraalee dinagdee fi daldalaa bal’isuudhaan Afriikaa badhaate ijaaruuf tumsaan ni hojjenna
Amajjii 20/2018 (ENA)- Gamtaan Afriikaa fi Ameerikaan carraalee dinagdee fi daldalaa bal’isuudhaan Afriikaa badhaate ijaaruuf tumsaan akka hojjetan ibsan.
Dura taa’aan komishinii gamtaa Afriikaa Mahaammud Alii Yusuuf dhimmoota nageenyaa fi misoomaa tumsaan hojjechuun danda’amurratti itti aanaa ministira dhimma alaa Ameerikaa Kiriistoofar Tii Landawu walaiin mari’achuun ibsa wlaoo kennaniiru.
Dura taa’aan komishinii gamtaa Afriikaa Mahaammud Alii Yusuuf, Afriikaan ardii kennaawwanii fi qabeenya hedduun guutamtedha jedhaniiru.
Qab
Carraalee dinagdee fi daldalaa bal’isuudhaan Afriikaa badhaate ijaaruuf tumsaan ni hojjenna
eenya Afriikaan qabdu fayyadama lammiisheef oolchuuf hojiilee hojjetaman keessatti ardiin Afriikaa tumsa beekumsaa, ogummaa, gabbisa dandeettii fi teeknooloojii Ameerikaa ni barbaaddi jedhaniiru.
Biyyoonni miseensa gamtichaa dandeettii keessoo isaanii cimsuudhaan, karaa hawaasa siviilii fi daldalaatiin sagantaalee misoomaa maallaqa ofiisaaniitiin deeggaruudhaan dandeettii abdi qabeessa guddifachaa akka jiran dubbataniiru.
Sirni dippilomaasii fi tumsaa gama hedduu cimee itti fufuu haala danda’amurratti mari’achuusaaniis ibsaniiru.
Itti aanaa ministira dhimma alaa Ameerikaa Kiriistoofar Tii Landawu gamasaaniin, gamtaan Afriikaa nageenyaa fi misooma dinagdee Afriikaa mirkaneessuuf biyyoota miseensaa waliin ta’uun qooda olaanaa bahaa jira jedhaniiru.
Gamtaan Afriikaa fi Ameerikaan dhimmoota nageenya waloo, nageenyaa fi badhaadhina ilaalchisee dhimmoota tumsaan hojjechuu danda’anirratti marii gaarii gochuusaanii ibsaniiru.
Afriikaan badhaate jiraachuunshee Ameerikaafis faayidaa akka qabu eeranii, carraalee dinagdee fi daldalaa dilbii qabdu waloomaan faayidaarra oolchuuf ni hojjenna jedhaniiru.
Ameerikaan qajeelfama fayyadama waloo jedhu akka qabdu kaasuun, carraalee guddina dinagdee guddisuuf kutannoon akka hojjettu mirkaneessaniiru.
Daawwannaan ajajaa Izzii Afriikaa Jeneraal Andarsan waliin taasisanis kutannoo Ameerikaan nagaa fi tasgabbii ardii Afriikaa eegsisuuf qabdurraa kan maddu akka ta’e himaniiru.
Afriikaanonno rakkoosaanii ofumasaaniin furuu akka danda’an dubbatanii, eenyuyyuu dhimma keessoo Afriikaa keessa galuu akka hin qabaanne ni amanna jedhaniiru.