Itiyoophiyaa fi Gamtaan Awurooppaa damee Aanniisaan tumsasaanii cimsuuf akka hojjetan ibsan - ENA Afaan Oromoo
Itiyoophiyaa fi Gamtaan Awurooppaa damee Aanniisaan tumsasaanii cimsuuf akka hojjetan ibsan
Amajjii 20/2018(ENA)- Itiyoophiyaa fi Gamtaan Awurooppaa tumsa gamlamee damee inarjiin qaban gabbisuuf akka hojjetan beeksisan.
Minstirri Maallaqaa Obbo Ahimad Shidee walga’ii Ministirootaa Inisheetivii Gaanfaa Afriikaa 27ffaa irratti hirmaachuuf har’a Somaaliyaa Moqaadishoo dhaqaniiru.
Ministirri Maallaqaa walga’ichaan dura Itti Aantuu Daarektara Jeneraalaa Tumsa Idil-Addunyaa Komishinii Awurooppaa Meriyaam Feeraan waliin mari’ataniiru.
Waltajjicharratti Ministirichii fi Itti Aantuun Daarektara Jeneraalaa dhimma tumsa biyyoota lamaanii cimsuu danda’an irratti kan mari’atan yoo ta’u, Gamtaan Awurooppaa qaama Inisheetivii Gaanfa Afriikaa kan ta’e koriidara Geejibaa Itiyoophiyaa fi Jibuutiif deeggarsa Faayinaansii taasifamu ilaalchisuun waliigalteerra ga’aniiru.
Gamtaan Awurooppaa deeggarsa Riiformii Dinagdee gooroof taasisu cimsuu akka qabu waliigalteerra ga’ameera .
Minstirri Maallaqaa Obbo Ahimad Shidee Gamtaan Awurooppaa deeggarsa Itiyoophiyaatiif taasisaa jiru dinqisiifataniiru.
Keessumaa deeggarsa Gamtichi Ejensii Misoomaa Faransaayii fi Baankii Invastimantii Awurooppaa waliin ta’uun dhiheessii sararoota humna Elektirikaa Itiyoophiyaa Aanniisaa Haaromfamaa fi Teekinooloojii Dijiitaalaan ammayyeessuun, dhiheessii annisaa fulla’aa fi nageenyisaa mirkanaa’eef sagantaa (RISED)’f taasisu akka fakkeenyaatti kaasaniiru.
Walga’iin Ministeerota Inisheetivii Gaanfa Afriikaa 27ffaan Bu’uralee dhiheessa Humnaa fi hojiiwwan walitti hidhaminsa Aannisaa Riijiniif dhiheessii faayinaansii guddisuun, dhiheessii Aannisaa Amansiisaa fi Madaalawaa mirkanaa’uu haala danda’umuratti kan marii’atan ta’uu odeeffannoo Ministeerri Maallaqaa ENA’f ergeen beeksiseera.