Ameerikaan invastimantii Itiyoophiyaadhaa qabdu bal’isuuf fedhii qabdi – Itti Aanaa Ministeera Dhimma Alaa Ameerikaa Kiristoofar Laandaawuu - ENA Afaan Oromoo
Ameerikaan invastimantii Itiyoophiyaadhaa qabdu bal’isuuf fedhii qabdi – Itti Aanaa Ministeera Dhimma Alaa Ameerikaa Kiristoofar Laandaawuu
Amajji 20/2018(ENA) - Ameerikaan invastimantii Itiyoophiyaadhaa qabdu bal’isuuf fedhii qabdi jedhan Itti Aanaan Ministeera Dhimma Alaa Ameerikaa Kiristoofar Laandaawuu.
Ministirri Maallaqaa obbo Ahimad Shideen Itti Aanaa Dhimma Alaa Ameerikaa Kiristoofar Laandaawu waliin mari’ataniiru.
Marichis haaromsa dinagdee Gooroo (maakaroo) Itiyoophiyaa fi tumsa Itiyoophiyaa fi Ameerikaa cimsuu akkasumas walta’iinsa waliigalaa guddachaa jiru irratti kan xiyyeeffate ta’uu ibsameera.
Marii kanarratti Ministirri Pilaanii fi Misoomaa doktar Fitsum Asaffaa fi Bulchaan Baankii Biyyoolessaa Itiyoophiyaa Iyyoob Takkaalliny hirmaataniiru.
Riifoormiin diinagdee Gooroo Itiyoophiyaa jijjiirama cimaa akka agarsiise eeruun, adeemsi guddina dinagdee fi haalli invastimantii dameelee ijoo keessatti fooyya’insa guddaa agarsiiseera jedhani ministirri kuni.
Ministirri kuni Itiyoophiyaa fi Ameerikaan hariiroo cimaa qabaachuu ibsuun,yeroo dhiyoo as deeggarsa Ameerikaan damee fayyaa irratti taasifte dubbatani.
Ameerikaan Itiyoophiyaaf deeggarsa misoomaa taasisaa jirtu ajaa’ibsiifataniiru.
Gama birootiin ministirichi ijaarsa buufata xiyyaaraa idil addunyaa Bishooftuutti jalqabame Itti Aanaa Ministira Dhimma Alaa Ameerikaaf ibsa kennaniiru.
Gahee tarsiimoo buufanni xiyyaaraa guddina, walitti hidhamiinsa naannoo fi haala mijeessuu daldalaaf qabu kan ibsan yoo ta’u, dhaabbileen faayinaansii fi kontiraaktaroota Ameerikaa pirojekticha akka deeggaran gaafataniiru.
Ameerikaan tumsa biyyoota lameenii Itiyoophiyaa waliin qabdu cimsuuf kutannoo qabaachuu irra deebi’anii mirkaneessaniiru.
Ministeerri Maallaqaa odeeffannoo ENA’f ergeen, biyyoonni lamaan walta’insa Itiyoophiyaa fi Ameerikaa cimsuu, hirmaannaa damee dhuunfaa guddisuu fi misooma dinagdee itti fufinsa qabu deeggaruuf kutannoo waliinii qaban ta’uu ibseera.