Tamsaasa Kallatti:

Itiyoophiyaa fi Gamtaan Awurooppaa  damee  Aanniisaan  tumsasaanii cimsuuf  akka  hojjetan  ibsan 

Amajjii20/2018(ENA)-  Itiyoophiyaa fi Gamtaan Awurooppaa  tumsa gamlamee damee Inarjiin qaban   dagaagsuuf  akka  hojjetan  beeksisan.

Minstirri Maallaqaa Obbo Ahimad Shidee walga’ii Ministeerota Innisheetivii Gaanfaa Afriikaa27ffaa irratti hirmaachuuf har’a Somaaliyaa Moqaadishoo galaniiru.

Ministirri Maallaqaa walga’ichaan dura Itti Aantuun Daarektara Jeneraalaa tumsa Idil-Addunyaa Komishinii Awurooppaa Feeraan waliin marii’ataniiru.

 Waltajjicharratti Ministirichii fi Itti Aantuun Daarektara Jeneraalaa  dhimma tumsa  biyyoota lamaanii cimsuu danda’an irratti  kan mari’atan yoo ta’u, Gamtaan Awurooppaa qaama Innisheetivii Gaanfa Afriikaa kan ta’e  koriidera Geejibaa Itiyoophiyaa fi Jibuutiif deeggarsa Faayinaansii taassifamu ilaalchisuun  waliigalteerra ga’aniiru.

Gamtaan Awurooppaa deeggarsa Riiformii   Diinagdee gooroof  taassisu  cimsuu akka qabu  waliigalteerra ga’ameera . 

Minstirri Maallaqaa Obbo Ahimad Shidee Gamtan Awurooppaa deeggarsa Itiyoophiyaatiif taassisaa jiru  dinqisiifataniiru.

Keessumaa deeggarsa Gamtichi Ejensii Misoomaa Faransaayii fi Baankii Invastimantii  Awurooppaa waliin  ta’uun  dhiheessii  sararoota humna Elektirikaa Itiyoophiyaa Aannisa Haaromfamaa fi Teekinooloojii Dijiitaalaan ammayyeessuun, dhiheessii aannisaa fulla’aa fi nageenyisaa mirkanaa’ef  sagantaa (RISED)’f taassisu akka fakkeenyaatti kaasaniiru.

 Walga’iin Ministeerota Innisheetivii Gaanfa Afriikaa 27ffaan Bu’uralee  dhiheessa Humnaa fi hojiiwwan  walitti hidhaminsa Aannisaa Riijiniif dhiheessii faayinaansii guddisuun, dhiheessii Aannisaa Amansiisaa fi  Madaalawaa  mirkanaa’uu haala  danda’umuratti kan marii’atan ta’uu odeeffannoo Ministeerri Maallaqaa ENA’f ergeen  beeksiseera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015