Tamsaasa Kallatti:

Godina Baalee bahaatti Buusaa Gonofaa cimsuuf midhaan rooba gannaan misoome walitti qabamaa jira

Amajjii 20/2018 (ENA)- Naannoo Oromiyaa godina Baalee bahaatti Buusaa Gonofaa cimsuuf midhaan rooba gannaan misoome mekaanaayizeeshiniitti gargaaramuun walitti qabamaa jiraachuu waajjirri damee buusaa Gonofaa godinichaa beeksise.

 Buusaa Gonofaan qama Gadaa yoo ta’u, ummanni Oromoo durii kaasee balaan namtolchee fi uumamaa yerii isa mudatu wal utubuun tooftaa rakkina keessa darbudha.

Godina Baalee bahaatti Buusaa Gonofaa cimsuuf midhaan rooba gannaan misoome walitti qabamaa jira

u’ura seeraa akka qabaatu erga taasifamee booda balaawwan uumamaa dabalatee rakkoolee dinagdee fi hawaasummaa dandeettii ofiitiin damdamachuuf carraaqqiin taasifamaa jira.

Naannichatti iddooo sirni Buusaa Gonofaa bu’a qabeessa itti ta’e keessaa goddinni Baalee bahaa isa tokkodha.

Hogganaan waajjira damee Buusaa Gonofaa Baalee Bahaa obbo Fu’aad Abduu ENA’f akka ibsanitti,  sirna Buusaa Gonofaa caalaatti cimsuu fi bu’ura dhaabbatummaa akka qabatu gochuuf Qamadiin qonna ganna darbeen  lafa heektaara kuma 2 fi 153 irratti misoome walitti qabamaa jira.

Lafti misoome kun kan bardheengaddaan waliinwal bira yoo qabamu heektaara kuma 1 fi 700n akka caalu beeksisaniiru.

Lafa qonna gannaan misoome keessaa Qamadiin kuntaala kuma 65 caalu galchuuf karoorfamuuibsanii, amma ammaattis mekaanaayizeeshiniin deeggaramuun kuntaalli kuma 38 walitti qabamuu ibsaniiru.

Kan hafes mekaanaayizeeshiniitti fayyadamuun walitti qabamaa jiraachuu dubbataniiru.

Sirna kana caalaatti cimsuuf misooma midhaanii cinaatti kaayyoo sirna kanaa namoota hedduu qabsiisuun godinichatti miseensota kuma 370 horachuun danda’amuu hubachiisaniiru.

Yeroo ammaa Buusaa Gonofaan akka naannootti miseensota miiliyoona 28 qaburraa waggaatti birria biiliyoona 3 walitti qabuurra akka  danda’e beekameera.

Itti aanaan pirezidaantii naannoo Oromiyaa obbo Awwaluu Abdii Baalee Bahaatti argamuun Buusaa Gonofaa cimsuuf hojiilee hojjetamaa jiranii fi hojiilee misoomaa biroo daawwachuunsaanii ni yaadatama.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015