Tamsaasa Kallatti:

Dhiyeesiin bishaanii fi ijaarsi misooma naannoo fayya qabeessa Itiyoophiyaa milkaa’ina galmoota ajandaa ardii 2063 galmaan ga’uuf gahee murteessaa ni qabaata

Amajjii 20/2018(ENA) - Dhiyeessiin bishaan dhugaatii itti fufinsa qabuu fi ijaarsi misooma naannoo fayya qabeessa Itiyoophiyaa milkaa’ina galmoota ajandaa ardii 2063 galmaan ga’uuf gahee murteessaa akka qabaatu Ministirri Bishaanii fi Inarjii doktar Injiinar Habtaamuu Ittafaan ibsan.

Yaa'iin Gamtaa Afrikaa 39ffaan bara kanaa mata duree “Dhiheessii Bishaanii fulla’aa fi sirna eegumsa qulqullinaa nageenyisaa eegame mirkaneessuun, Milkaa’ina galma ajandaa bara 2063f” jedhuun Guraandhala 7-8 bara 2018 Finfinneetti gaggeeffama.


 

Dhiyeessiinii fi qulqullina bishaanii itti fufiinsa qabu, hawaasa fayya qabeessaa fi sirna ikoo dandamachuu danda’u ijaaruu, qabeenya uumamaa fayyadamuu fi jireenya lammiilee fooyyessuun kan jedhu galmoota Ajandaa 2063 waliin walitti hidhata guddaa qaba.

Doktar Injiinar Habtaamuu Ittafaan ENAtti aka himanitti, milka’inoonni misooma bishaan qulqulluu fi anniisaa Itiyoophiyaan galmeessite ajandaa Gamtaa Afrikaa waliin walsimsiisuun hojiirra oolaa jira.

Itiyoophiyaan lammiilee miliyoona 80 oliif bishaan dhugaatii qulqulluu fayyadamoo taasisuu eeraniiru.

Bara 2030tti lammiileen Itiyoophiyaa hundi mana isaaniitti yookaan naannoo isaanitti dhiyoo jirutti bishaan dhugaatii qulqulluu akka argataniif hojjetamaa jira.


 

Naannawoota Itiyoophiyaa miidhaa jijjiirama qilleensaaf saaxilamanitti bu’urri misoomaa dhiheessii bishaan dhugaatii qulqulluu ongee damdamatan mootummaa fi bajata pirojektiitiin ijaaramuu beeksisaniiru.

Kaka’umsa Ministira Muummee doktar Abiyyi Ahimadiin misoomni qarqara lageenii hojjetaman nageenya bishaanii eeguun bu’aa gaarii galmeesseera jedhan.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015