Yaa’ii Hoggantoota Gamtaa Afriikaa 39ffaan Milkaa’inaan akka gaggeeffamuuf qophiin barbaachisaan taassifameera – Poolisii Federaalaa Itiyoophiyaa - ENA Afaan Oromoo
Yaa’ii Hoggantoota Gamtaa Afriikaa 39ffaan Milkaa’inaan akka gaggeeffamuuf qophiin barbaachisaan taassifameera – Poolisii Federaalaa Itiyoophiyaa
Amajjii 20/2018(ENA)-Yaa’iin Hoggantoota Gamtaa Afriikaa 39ffaan milkaa’inaan akka gaggeeffamuuf qophii barbaachisaa taasisuu Poolisiin Federaalaa Itiyoophiyaa beeksise.
Itti Aanaan Komishinar jeneraalaa Ajajaa qajeelcha waliigalaa Ittisa yakkaa Poolisii Federaalaa Itiyoophiyaa Malaakuu Faantaa ENA waliin turtii taasisaaniin, walga’iiwwan gurguddoo Addunyaa Magaalaan Finfinnee keessummeessitu milkaa’inaan akka xumuramaniif dhaabbatichi kutannoon hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.
Baatiiwwan ja’an darban walga’iin hoggantoonni biyyoota adda addaa, Hogganttoonni dhaabbilee Idil Addunyaa fi Dippiloomaatonni olaanoon hedduun irratti hirmaatan magaalichati gaggeeffamuusaa ibsaniiru.
Waltajjiiwwan kunneen rakkoo tokko malee Milkaa’inan xumuramuun haala qophii poolisii fi dhaabbilee nageenyaa biroo kan agarsiisu ta’uu eeraniiru.
Itiyoophiyaan waltajjiiwwan gurguddaa Hoggantootni biyya Alaa hedduu fi Miseensi Hawaasa dippiloomaatikii irratti hirmaatan qopheessuuf muuxannoo guddaa qabaachuushee eeraniiru.
Yaa’iin Gamtaa Afriikaa 39ffaan Magaalaa Finfinneetti Milkaa’inaan gaggeessuuf qophiiwwan barbaachisoon yaa’ichaan dura raawwatamuu qaban milkaa’inaan Xumuramuu ibsaniiru.
Nageenya Hoggantootaa fi keessummoota biyyoota adda addaarraa yaa’ichaarratti hirmaachuuf gara Finfinneetti dhufan haala Amansiisaa ta’een eeguu, sochii nageenyaa fi tiraafikaa qindeessuun dhimma murteessaa ta’uu dubbataniiru.
Qaamolee Nageenyaa biroo waliin qindoomuun haala sadarkaa biyyattii gituun tasgabbii biyyattii mirkaneessuuf hojiin nagaa fi tasgabbii qindominaan akka raawwatamu ibsaniiru.
Yeroo keessummoonni gara biyyaatti seenanii eegalee hanga yaa’icha xumuranii gara biyyasaaniitti deebi’anitti eegumsaa fi tajaajiloota barbaachisoo biroo si’ataa fi amansiisaa kennuuf qophiin xumuramuu beeksisaniiru.
Yaa’iin Hoggantyoota Gamtaa Afriikaa waltajjii Dippiloomaasii guddaa waggaa waggaan Magaalaa Finfinneetti gaggeeffamu yoo ta’u, qophiin qaamolee nageenyaa milkaa’ina yaa’ichaaf shoora olaanaa bahata jedhaniiru.
Yaa’iin Hoggantoota Gamtaa Afriikaa 39ffan Guraandhala 7 fi 8 bara 2018 mata duree“dhiheessii Bishaanii fulla’aa fi sirna eegumsa qulqullinaa nageenyisaa eegame mirkaneessuun, Milkaa’ina galma ajandaa bara 2063f” jedhuun Waajjira Muummee Gamtichaa Magaalaa Finfinneetti gaggeeffama.